Godina Qellem Wallaggaa Aanaa Hawwaa Galaan Projaktii Jallisii Coqorsaa xumurame Walharkaa fuudhinsii taasifame.

BMJHBO 22/10/2015 Piroojaktiin Godina Qellem Wallaggaa Aanaa Hawwaa Galaan Projaktii Jallisii Coqorsaa hojjatamaa ture xumuramee walharkaa fudhiinsi koree teknika Jallisii walin taasifame. Proojaktiin Jallisii Coqorsaa hojjatamee kun lafa heektara 200 misoomsuu kan danda’u yoo ta’u abbootiin warraa 200 irraa fayyadamoo taasisa jechun I/G Waajjira Jallisii Godina Qellem Wallaggaa Obbo Addisuu Canqaa Ibsaniru.

Godina Wallaggaa Bahaa Aanaa Giddaa Ayyaanaa Piroojaktiin jallisii lafa heektara 100 misoomsuu danda’u hojjatamaa ture xumuramee walharkaa fudhiinsi raawwatame.

BMJHBO 18/10/2015 Piroojaktiin Aanaa Giddaa Ayyaanaa ganda Gaattiraa laga Shankooraatti keessatti hojjatamaa ture xumuramee walharkaa fudhiinsi waldaa Ittifayyadama Bishaan Jallisii walin taasifame. Proojaktiin jallisii sagantaa AGP ttin Aanaa Giddaa Ayyaanaa ganda Gaattiraa laga shankooraatti Hojatamaa jiru Birrii mil.13.5 hojjatamee kun lafa heektara 100 misoomsuu kan danda’u yoo ta’u abbootiin warraa 120 irraa fayyadamoo taasisa

Dargaggeessi beekkumsaa fi dandeetti qabutti fayyadamee jiruu fi jireenya isaa foyyeeffachuuf carraquu qaba.

Waxabajjii 14, 2015 BMJHBO Dargaggeessi Godina Harargee Lixaa Aanaa Habroo Ji’oomeembireeniin barana raabsamee fayyadamun Haroo maatii qopheeffachuun Kuduraa oomishaa jiru muuxannoo dargaggoota kaanif ta’u hojjachaa jira. Dargaggoon Kaliif Ahimad jedhamu teekinoolojii jallisii bishaan qusachuuf oolu drip irrigation jedhamutti gargaaramuun kuduraa oomishaa. Hojii fakkeenyummaa qabu kanaan hawaasni naannoo muuxannoo irraa fudhachaa jiru. Dargaggoo Kaliif ergaa dabarseen […]

Godinni Shawaa Bahaa Piroojektii jallisii 12 bara kana xumuruu beeksise

Piroojektoota Jallisii buleeyyii fi haaraa bara 2015 ijaarsa irra turan digdama keessa hordoffii cimaa fi deeggarsa guddaa taasisuun piroojejtoota 12 xumuruun Eebbaa fi tajaajilaaf banaa gochuu Waajjirri misoomaa jallisii fi horsiise bulaa Godina shawaa bahaa beeksiise. Godinni keenyaa, humna, beekumsaa fi dandeettii jiru qindeessuun bu’uuralee bishaan jallisii itti-fufiinsa qabu dhiyeessuu fi jiruuf jireenya uummata Godinichaa […]

Biirichi gamaggama raawwii kurmaana 4ffaa manajimantii isaa waliin gaggeesse.

Waxabajjii 12, 2015 BMJHBO Biiroon Misooma Jallisii fi Horsiisee Bulaa Oromiyaa hojii bara 2015 hojjachuuf karoorfate raawwaachaa ture maal akka fakkatu manajimantii isaa waliin gamaggameera. Gamaggama Kanaan keessaattuu hojiileen fayyadamummaa hawaasichaa mirkaneessuuf hojjatamaa turan haala kamiin adeemaa akka turanii fi bu’aa qabeessuummaa isaanii ilaallameera. Bu’uuruma Kanaan Piroojaktoota Jallisii 147 xumuruuf karoorfamee keessaa 135 xumuramaniiru. Bishaan […]

Piroojaktiin Jallisii lafa heektara 429 misoomsuun abbaa warraa kuma 10 ol fayyadamaa taasisu Godina Arsii Lixaa Aanaa Gadab Hasaasaatti hojjatamaa sadarkaan irra jiru daawwatame.

BMJHBO Waxabajjii 10, 2015 Ijaarsi piroojaktii kanaa bara 2014 qarshii miliyoona 121 oliin kan eegalame yoo yeroo xumuramees lafa heektara 429 misoomsee abbaa warraa kuma 10 fayyadamoo akka taasisuu danda’utti hojjatamaa jira. Piroojaktichi jallisii kun tajaajila bishaan dhugaatii beeyladootaa fi horsiisa Qurxummiifis ooluu kan danda’uudha. Sadarkaa piroojaktiin kun irra jiruu daawwatameera. Daawwannaa kanaanis Ogeessi Biiroo […]

Piroojaktiin jallisii Finna Burquqqee Godina Booranaa Aanaa Mooyalleetti hojjatamaa ture xumuramee walharkaa fudhiinsi raawwatame.

Waxabajjii 10, 2015 BMJHBO Ijaarsi Piroojaktii kanaa sadaasa 6 bara 2014 kan eegale yoo ta’u yeroo ammaa xumuramee guyyaa har’aa bakka Biiroon Misooma Jallisii fi Horsiisee Bulaa Oromiyaa, Koorporeeshiinii Injineeringii Oromiyaa, caasaa Godinaa, Aanaa fi Gandaa argamanitti walharkaa fudhiinsi taasifameera. Piroojaktichiis baasii qarshii miliyoona 123 oliin kan hojjatame yoo ta’u bishaan meetir kuubii miliyoona 1.5 […]

Strategies and best practices to combat desertification in the lowlands were presented.

OIPDB JUNE 15,2023 The International Day for Combating Desertification and the 3rd Taklimakan Desert Forum and the “Great Green Wall of Africa” workshop held in Korla, China’s Xinjiang province marked the sixth day, and the Ethiopian delegation discussed strategies and best practices for combating desertification in the lowlands by Andreas Geeta (Dr. /r) Minister of […]