Godina Gujii Lixaa Aanaa Dugda Daawwatti piroojaktiin jallisii hojjatamaa jiru yeroo xumurame rakkoo bishaanii hawaasichi qabu kan furuudha

Caamsaa 22,2015 BMJHBO Piroojaktii Jallisii FinnaJigeessaa Aanaa Dugda Daawwatti hojjatamaa jiru yeroo ammaa 36.67%irra kan gahe yoo ta’uu haala ijaarsi isaa irra jiru Itti aanaa Hogganaa Biiroo fi Itti gaafatamaa Damee misoona jallisii fi Bu’uuraalee horsiisee bulaa Inj.Alamuu Raggasaan daawwatameera. piroojaktiin kun yeroo xumurametti rakkoo hanqinaa Bishanii Aanicha keessaa jiru ni furaa jedhamee eeggama.