Godina Baalee Aanaa Dalloo Mannaatti pirojektiin jallisii Finnaa ijaarsisaa xumuramuun eebbifame.

BMJHO27/10/2015 Piroojaktiin finna Godina Baalee Aanaa Dalloo Mannaatti hojatamaa turee xumuramee kun Jilla Itti aanaa Hogganaa Biroo fi itti gaafatamaa Damee misooma jallisii fi Bu’uuraalee Horsiisee Bulaa Oromiyaa Inji.Alamuu Raggaasaan durfamu sirna midhaga ta’en ebbifameera. Piroojektiin finnaa kun bishaan meetiir kuubi miliyoona 3 kan qabatuu lafa heektaara 300 misoomsuu danda’a.Piroojaktii kana xumursiisuuf qarshiin miliyoona 394 […]

Piroojaktiin Finna Hiddii Roomsoo Godina Booranaa Aanaa Dirreetti ijaarsifamaa ture xumuramee eebbifame

BMJHBO Dirree Piroojaktoota Finnaa shan ijaarsi isaanii xumuramanii eebbifaman keessaa Piroojaktiin Finna Hiddi Roomsoo Aanaa Dirreetti ijaarsifamaa ture xumuramee Jila Hogganaa Biiroo Misooma Jallisii fi Horsiisee Bulaa Oromiyaa Inj. Girmaa Raggasaan durfamuun eebbifameera. Hidhni kun bishaan meetir kuubii miliyoona 1.1 qabachuu yoo danda’u Lafa heektara 46.5 jalliaiin misoomsuu danda’a. Ol dheerinni hidhichaa meetira 16.5 yoo […]

Godina Booranaa Aanaa Guchiittii Piroojaktiin Finna Qo’aa Dhaamotaa eebbifame.

Waxabajjii 26,2015 Guchii Piroojaktiin Finnaa Qo’aa Dhaamotaa Godina Booranaa Aanaa Guchii ganda Arbooraa jedhamutti hojjatamaa kan ture yoo ta’u ijaarsi isaa xumuramee har’a Jila Hogganaa Biiroo Misooma Jallisii fi Horsiisee Bulaa Oromiyaa Inj. Girmaa Raggasaan durfamuun eebbifameera. Piroojaktiin kun lafa heektara 50 misoomsuu kan danda’u fi bishaan meetir kuubii miliyoona 1.5 qabachuu kan danda’u yoo […]

የክልሉ መንግስት የአርሶ እና አርብቶ አደሩን ህይወት መለወጥ ላይ አበክሮ እየሰራ ነው-ምክትል ፕሬዝዳንት አወሉ አብዲ

ቦረና ሰኔ 25/2015(ኢዜአ)፦ የክልሉ መንግስት የአርሶ እና አርብቶ አደሩን ህይወት መለወጥ ላይ ትኩረት አድርጎ እየሰራ እንደሚገኝ የኦሮሚያ ክልል ምክትል ፕሬዚዳንት አቶ አወሉ አብዲ ገለፁ። በዞኑ ሞያሌ ወረዳ የተመረቀው የቡርቁቄ መስኖ ግድብ ፕሮጀክት ክልሉ በድርቅ ተጋላጭ የሆኑ አርብቶ አደሮች ድርቁን ተቋቁመው በዘላቂነት የልማቱ ተጠቃሚ እንዲሆኑ በማለት የቀረጸው “የፊነ ፕሮጀክት” አካል ነው ተብሏል። የክልሉ ምክትል ፕሬዝዳንት አቶ […]

Hawaasni naannawa gammoojjii misoomaan utubamaa jiraachuu afayaa`iin Caffee Oromiyaa himan

OBN Waxabajii 25,2015- “Hawaasni Naannawa Gammoojjii jiraatu baroota dheeraaf rakkoo garaagaraaf saaxilamaa tureef xiyyeeffannoon kennamee misoomaan utubamaa jira” jedhan Afyaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurhamaan. Aanaa Gumbii Bordoddee fi Mi’eessootti Pirojektoonni Misoomaa Gara garaa xumuraman Eebbifamaniiru. Aanaa Gumbii bordoddeetti Pirojektiin Haroo bishaan kuusu Araddaa Burii Arbaatti birrii miiliyoona 30’n hojjatame eebbifameera. Haroon amma hojjatame kun […]

Hojiilee mala dandamannaa hongee :-Naannoo Oromiyaatti Pirojektoota Finnaa 72 hojjetamaa jiran keessaa 12 xumuramuun eebbifamaa jiru.

OBN Waxabajjii 25,2015 Pirojektoonni kunneen rakkoo gogiinsaa irra deddeebiin Horsiisee bultoota qoru waaraan furuuf gumaacha olaanaa qabu. Oromiyaa keessatti pirojektoonni Finnaa kunneen iddoowwan hanqina roobaa qaban, irra deddeebiin hongeen rakkoof saaxilamanitti hojjetamuun isaanii aantummaa hawaasa horsiisee bulaaf mootummaan qabu mul’isuun cinatti, misooma waaraa hawaasa iddoo pirojektiin kun itti hojjetame jiraniif hiika guddaa qaba. Yeroo ammaa […]

Gammoojjii Booranaatti yeroo jalqabaatiif qamadiin misoome kombayinaraan hamamuu jalqabeera.

Booranatti Qamadiin gahee Kombaayinaraan walitti qabamuu eegale OBN Waxabajjii 25, 2015 hojii kanas jila Pirezidaantii Ittaanaa mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdiin durfamtuu aanaa Miyootti eegalchiisan. Bulchaan Godina Booranaa Obboo Abdisalaam Waariyoo, Godinichatti rooba baranaan lafa heektaara Kuma 96 irratti facaafame jedhan. kana keessaa Aanaa torbatti laftii heektaara Kuma 12 fi 200 qamadiin kilaasteraan misoomuu […]