Waxabajjii 24,2015 BMJHBO Taltallee Aanaan Taltallee Aanaalee Horsiisee Bulaa Godina Booranaa keessaa tokko yoo taatu Aanaan horsiisee bulaa kun Hospitaala dhabuun hawaasni Aanichaa baay’ee rakkachaa turan. Yeroo ammaa rakkoo baroota dheeraaf ture kanaaf furmaata kaa’uuf Mootummaa Hospitaala jalqabaa Taltallee ijaarsisee ture guyyaa har’aa Jila Itti aanaa Pireezidantii Mootummaa Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdiin durfamuun eebbifameera. Sirna […]
Pirojaktiin Jallisii Ammayyaa meexii 2ffàa kun Qarshii miliyoona 9 oliin lafa hek 101 misoomsuu akka danda’uu fi kana irraa Abba warraa 428 fayyadamaa taasisuuf hojjatamaa ture xumuramee jila bulchaa Godinichaatiin durfamuun eebbifameera.
Waxabajji 23/2015 BMJHO Piroojaktiin finna Qarsaa yaa’ii Godina Booranaa Aanaa Miyootti hojatamaa turee xumuramee kun Jilla Itti Gaafatamaa Ijaarsa paartii Badhaadhinaa damee Oromiyaa Obbo Namarraa Buliin durfamu akkasumas bakka Hogganaa Biroo Misooma Jallisii fi Horsisee Bulaa Oromiyaa Inj.Girmmaa Raggaasaa argamanitti sirna midhaga ta’en ebbifameera. Oldheerinni hidha kanaa meetira 21 yoo ta’u bishaan meetiir kuubi miliyoona […]
Waxabajji 23/2015 BMJHO Piroojaktiin finna Bokossaa Godina Booranaa Aanaa Dubuluq hojatamaa turee xumuramee kun bakka I/G Ijaarsa paarti badhaadhina Damee Oromiyaa obbo Namarraa Buulii fi Hogganaa Biroo Misooma Jallisii fi Horsiisee Bulaa Oromiyaa Inj.Girmaa Raggaasaa akkasumas keessumoonni naannoo fi godina Booranaa argamanitti sirna ho’aa fi gammachisaa ta’en ebbifameera. Oldheerinni hidha kanaa meetira 10 yoo ta’u […]