Horsiisee Bultootni Godina Gujii Lixaa Aanaa Dugda Daawwaa Ganda Bokko Gooroo Baalli Waldaan Gurmaa’ani Sanyii Margaa Omishaa Jira Daawwatame.

0 minutes, 38 seconds Read
Share To Social Media

Caamsaa 25,2015 BMJHBO Bulee Horaa

Horsiisee Bultootni kunneen kanaan dura hongeen miidhamaa kan turan kunneen yeroo ammaa marga misoomsaa jiru. Marga misoomsaa jiran kana irraa margaa fi sanyii margaa oomishaa jiraachuu himaniiru.

Hojiin Ganda Bokko Gooroo Baalliitti hojjatamaa jiru kunis Itti aanaa Hogganaa Biiroo Misooma Jallisii fi Horsiisee Bulaa fi Itti gaafatamaa Damee Horsiisee Bulaa Obbo Roobaa Turchee fi Bulchaa Godina Gujii Lixaa Obbo Adulaa Hirbaayyee ttiin durfamee daawwatameera.

Horsiisee Bultootnis kanaan dura hongeen Loon isaani miidhamaa akka turan himanii akka deeggarsa Biiroo misooma Jallisii fi Horsiisee Bulaa oromiyaatti sagantaa DRLSP-II ttin hammatamanii waldaan gurmaa’ani oomisha sanyii margaa akka oomishaa jiran fi bu’aa gaarii akka abdatan himaniru.

Ganda Gooroo Baallitti lafa heektaara 5 irratti oomisha marga omishamu kana irraa Horsiisee Bultootni waldaan gurmaa’an marga Beelii 300 ol akka abdatan ibsaniru.

Similar Posts

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *