Waxabajjii 14, 2015 BMJHBO
Dargaggeessi Godina Harargee Lixaa Aanaa Habroo Ji’oomeembireeniin barana raabsamee fayyadamun Haroo maatii qopheeffachuun Kuduraa oomishaa jiru muuxannoo dargaggoota kaanif ta’u hojjachaa jira. Dargaggoon Kaliif Ahimad jedhamu teekinoolojii jallisii bishaan qusachuuf oolu drip irrigation jedhamutti gargaaramuun kuduraa oomishaa. Hojii fakkeenyummaa qabu kanaan hawaasni naannoo muuxannoo irraa fudhachaa jiru.
Dargaggoo Kaliif ergaa dabarseen dagaggeessi beekkumsaa fi dandeetti qabutti fayyadamee jiruu fi jireenya isaa foyyeeffachuuf xiqiin hojjachuu qabaa jedheera.



