Waxabajji 23/2015 BMJHO
Piroojaktiin finna Bokossaa Godina Booranaa Aanaa Dubuluq hojatamaa turee xumuramee kun bakka I/G Ijaarsa paarti badhaadhina Damee Oromiyaa obbo Namarraa Buulii fi Hogganaa Biroo Misooma Jallisii fi Horsiisee Bulaa Oromiyaa Inj.Girmaa Raggaasaa akkasumas keessumoonni naannoo fi godina Booranaa argamanitti sirna ho’aa fi gammachisaa ta’en ebbifameera.
Oldheerinni hidha kanaa meetira 10 yoo ta’u p lafa heektaara 50 misoomsuu danda’a.Piroojaktii kana xumursiisuuf qarshiin miliyoona 77.8 baasii itti ta’eera.


