Jilli bulchaa itti aanaa Godina Arsii Lixaa Obbo Asaffaa Tolasaan durfamu Aanaa Nageellee Arsiitti piroojeektii misoomaa jallisii qarshii miliyoona 12.8 oliin ijaarama turan eebbisiisuun tajaajilaaf banaa taasisan
Bulchaa aanichaa Obbo Aabbu Osaa aanichatti pirojeektota yeroo dheeraaf turan bara Kana xiyyeeffannoon hojjatamuun tajaajilaaf kan dhaqqaban ta’uu dubbataniiru.
Bulchaa ittaanaa Godinichaa Obbo Asaffaa Tolasaa Mootummaan qormaatilee uumamaa fi namtolchee hunda qolachuun pirojeektota misooma garagaraaf oolan hojjachuun komii hawaasa furaa jiraachuu dubbata
Itti gaafataman misooma jallisii inj . Huseen Muhammad Aanaa Nageellee Arsii Ganda Qadhoo Tullutti pirojektiin Misooma Jallisii guyyaa Hardhaa eebbifame mallaqa Biiroo Misooma jallisii fi Horsiisee bulaa ramade Qarshii miliyona 12.8 Oliin kan hojjatame yoo ta’u lafa heh 70oli kan misoomsu fi Abba warraa 280 fayyadamaa tasisa.




