BMJHBO 23/12/2015 Areeroo
Hojiin misooma Margaa Aanaa Areeroo Ganda Halonaa jedhamutti Piroojaktii dandammanaa hongee fi itti fufiinsa jiruu fi jireenyaa (DRSLP-II) tiin hojjatamaa jiru Horsiisee bultoota Gandichaaf yaaddoo nyaata beeyladaa bona keessa isaan muudatu irraa kan isaan bayanachisuu ta’uu Horsiisee Bultoonni Gandichaa himan.
Lafa heektara 600 ol micireen irraa ciramee Piroojaktichaan kunuunfamee misoome irraa yeroo ammaa margi hidhaa 6370 kuusaa Piroojaktichi ijaarsiise keessaatti kufameera.
Obbo Galma Noonnoo Itti Gaafatamaa Waajjira Misooma Jallisii fi Horsiisee Bulaa Aanaa Areerooti. Piroojaktiin kun hojii misooma Margaa nyaata beeyladaa irratti hojjateen horsiisee bultootni yeroo bonaa nyaata beeylada dhabuun miidhamaa turan kan fooyeessuu fi Jiruu fi Jireenya Hawaasa Horsiisee Bulaa jijjiruuf Piroojaktichi baay’ee hojjachaa jiraa jedhaniiru.




