Caamsaa 27, 2015 (FBC)- Naannawaa Gammoojjiitti pirojektoonni dandamannaa Jireenyaa hawaasaa hojjetamaa jiran bu’aa gaarii argamsiisaa jiraachuu Biiroon Misooma Jallisii fi Horsiisee Bulaa Oromiyaa ibse.
Oromiyaa naannawaa gammoojjiitti hojiin misooma jallisii fi daagaa hidhuu hojjetamaa jiraachuun eerameera.
Ittaanaan Hogganaa Birichaa Obbo Roobaa Turchee jiruu fi jireenya uummata gammoojjii dandamachiisuuf pirojektoonni hedduun hojiitti galuun bu’aa gaariis argamsiisaa jiraachuu himaniiru.
Naannawaa Gammoojjiitti hanga ammaatti lafa hektaara kuma 78 ol irraatti hojiileen eegumsa biyyee fi bishaanii hojjetameera jedhame.
Nannawichaattis horsiisee bultoonni gurmaa’uun eegumsa naannoo, horsiisa kanniisaa, furdisa loonii, gaalaa, akkasumas horsiisa hoolotaa fi re’oota irratti bobba’uun himameera.
Kaffaaloo Shifarraatu gabaase.
