About

About

Established by oromia proclamation no 242/2014

Mootummaan Naannoo Oromiyaa qabeenya uumamaa kanatti fayyadamuun misooma ariifachiisaa fi itti fufiinsa qabu fiduuf gurmaa’insaa fi caaseffama Biiroo Misooma Jallisii fi Horsiisee Bulaa Oromiyaa labsi Lak. 242/2014tiin gurmeessee jira.

Aangoo fi Gahee Hojii

Aangoo fi gahee hojii Biiroo Misooma Jallisiifi Horsiisee Bulaa

Biiroo Misooma Jallisiifi Horsiisee Bulaa aangoo fi hojii ar¬maan gadii ni qabaata:

1)Dizaayinii ijaarsa iskiimota jal¬lisii kamiyyuu ni qopheessa; akka qophaa’u ni taasisa; qaama dhimmi ilaallatuun yammuu mirkanaa’u hojiirra ni oolcha; qo’annoo ijaar¬sa iskiimota jallisii ni gaggees¬sa; akka gaggeeffamu ni taasisa;

2)Jallisii giddugaleessaa fi gurguddaa ijaarsi isaanii xumurame hanga itti fayyadamtoonni of danda’anii bulchanitti guutummaa guutu¬utti ni bulcha; ni hordofa; hojii teeknikaa ni raawwata; suphaa humna fayyadamtoota jalli¬sii ol ta’e ni raawwata; ni raaw¬wachiisa; yeroo itti fayyadamtoot¬ni of danda’an dabarsee ni kenna;

3)Bu’a qabeessummaa iskiimoota jallisii guddisuuf fayyadamtoot¬ni hubannoo baasii, kunuunsa, bulchiinsaa fi suphaa qabaatanii maallaqa akka qusatan ni gorsa; ni hordofa; akkasumas deeg¬garsa barbaachisaa ni kenna;

4)Qabeenya bishaanii naanni¬cha keessatti argaman haala itti fufiinsa qabuun misooma jal-lisiitiif akka ooluu danda’an qa¬ama dhimmi ilaalu waliin kunu¬unsa isaanii irratti ni hojjata;

5)Jallisii maayikiroo fi jallisii bonee ummataan akka hojjata¬man abbummaadhaan ni hordo¬fa; ni deeggara; ni jajjabeessa;

6)Qaamolee guddinaa fi itti fufi¬insa misooma jallisiif bu’aa buu¬suu danda’an waliin ni hojjata;

7)Fandii arjoomtota irraa misooma jallisiitiif gargaarsaan yooki¬in liqiidhaan argamu dhim¬ma barbaadameef akka oolu ni hordofa; ni bulcha; raawwii isaa qaama ilaallatuuf ni gabaasa;

8)Jallisiiwwan xixiqqaa ijaarsi isaanii xumurame itti fayyad¬amtootaatti dabarsee ni kenna; bulchiinsaa fi itti fayyadama ir¬ratti deeggarsa teeknikaa ni taa¬sisa; ni hordofa; suphaa hum¬na fayyadamtoota jallisii ol ta’e ni raawwata; ni raawwachiisa;

9)         Baasii ijaarsa pirojektii jallisiif bahe itti fayyadamtootaan akka bakka bu’u ni taasisa; Mootum¬maa hayyamsiisee pirojektii jallisii birootiif ni oolcha; kaffaltii tajaa¬jila adda addaatiif suphaa ni sas¬saaba; deebisee hojiirra ni oolcha;

10)       Waldaalee itti fayyadamtoota bishaan jallisii ni gurmeessa; ni leenjisa; dambii ittiin bulmaataa akka qopheeffatan ni gargaara; ni hordofa; akkaasumas qaama seerummaa akka argatan qaama dhimmi ilaalu waliin ni hojjata;

11)       Miidhaa pirojektootni misooma qonna jallisii naannoo fi fayy¬aa namaa irratti fiduu danda’an xiqqeessuudhaaf qaama dhim¬mi ilaalu waliin ni hojjata;

12)       Nama sababa ijaarsa misooma qon¬na jallisiitiin qabeenya isaa irratti miidhaan gaheef akkaataa seeraati¬in beenyaan akka kaffalamuuf qaa¬ma dhimmi ilaalu waliin ni hojjata;

13)       Paakeejii misooma naannoo hor¬siisee bulaa ni qopheessa; akka ba¬bal’atu ni taasisa; qaama dhimmi ilaalu waliin ni hojjata; deeggar¬sa barbaachisu ni kenna; hojiirra ooluu isaa ni hordofa;

14)       Misooma naannoo horsiisee bulaa ilaalchisee qorannoofi qu’annoo ni gaggeessa; akka gaggeeffamus ni taasisa; ragaa adda addaa walit¬ti ni qaba; ni qindeessa; sagantaa misoomaa itti fufiinsa qabu ni qopheessa; qaamoleen dhimmi ilaalu akka hojiirra oolchan ni qindeessa; raawwii jiru ni hordofa;

15)       Tooftaa misoomaa jiruufi jireenya hawaasa horsiisee bulaa fooyyes¬suuf naannicha keessatti gaggeef¬famu haala qabatamaa ummata naannoo horsiisee bulaa waliin wal simuu danda’u irratti yaada ni burqisiisa; yammuu hayyamamu hojiirra akka oolu ni taasisa;

16)       Abbootiin qabeenyaa dhuunfaa, dhaabbilee miti mootummaafi seektarootni mootummaa dhim¬mi ilaalu sochii hojii misooma naannoo horsiisee bulaa keessatti qooda akka fudhatan ni qindees¬sa; ni jajjabeessa;

17)       Sagantaalee fi pirojektoota misooma naannoo horsiisee bulaa keessatti gaggeeffaman raawwa¬chiisuuf fandiifi qabeenya ni bar¬baada; yammuu hayyamamu qaa¬ma dhimmi ilaalu waliin hojiirra ni oolcha; hojiirra oolmaa isaas ni hordofa;

18)       Fedhiifi dhiyeessa bu’uuraalee misooma naannoo horsisee bu¬laa qaama dhimmi ilaallatu wali¬in qorachuun adda ni baasa; sa¬gantaafi pirojektootni baajata mootummaatiin raawwataman akka qophaa’aniifi hojiirra oolan seektara dhimmi ilaalu waliin ni hojjata;

19)       Bu’uura misoomaa naannoo horsisee bulaa deeggartoota misoomaan hojjataman qaama dhimmi ilaallatun akka qorata¬mu haala ni mijeessa; saganta¬afi pirojektoota qophaa’anii dhi¬yaatan raawwii isaanii ni hordofa; qaamolee dhimmi ilaalu waliin qindoominaan ni hojjata; xumura irratti seektara dhimmi ilaallatuuf akka darbu ni taasisa;

20)       Naannoo horsiise bulaa keessatti akeekkachiisa duraa akka hojiir¬ra oolu haala ni mijieessa; qaama dhimmi ilaalu waliin qindoomi¬naan ni hojjata;

21)       Ijaarsaawwan bu’uuraa misoomaa baadiyyaafi dhaabbilee tajaajila hawaasummaa naannoo horsiisee bulaatti gaggeeffamaniif istaan¬dardiifi dizaayinii naannoo hor¬siisee bulaa waliin walsimu akka qophaa’u qaama dhimmi iluulu waliin ni hojjata; qaamoleen hojii ijaarsa bu’uura misooma baadi¬yyaa naannoo horsiisee bulaa keessatti gaggeessan irrattis ak¬kaataa istaandaardii naannoo ka¬naan raawwatamaa jiraachuu isaa hordoffii ni gaggeessa; ni to’ata;

22)       Naannoo horsiisee bulaatti tajaa¬jilli misooma diinagdee, hawaa¬summaafi haqaa akkka babal’atu qaamolee dhimmi ilaalu waliin ni hojjata;

23)       Hirmaannaafi hubannoon horsiisee bulaa akka cimu leenjii jijjiirama waliigalaa jiruufi jireenya hawaasa horsiisee bulaa irratti ni qophees¬sa; qaama dhimmi ilaalu waliin ni raawwata; ni raawwachiisa.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa ummanni naannichaa midhaan nyaataatiin  akka of danda’uu fi  jiruu fi jireenyi hawaas-dinagdee Qonnaan/Horsiisee Bulaa  bu’uuraan  jijjiiruu bira darbee guddina akka biyyaatti galmaa’aa jiru  itti fufsiisuun misooma ariifaataa fi ittifufinsa qabu, ummanni sadarkaa sadarkaan akka irraa fayyadamu gochuuf hojiin misooma qabeenya bishaan jallisii naannichaa fi jiruuf jireenya hawaasa horiisee bulaa hirkattummaa roobaa jalaa baasuun   wabii nyaataa mirkaneessuuf hojiin bal’aan hojjatamaa jira.

Dameen Qonnaa diinagdee biyya guddisuu keessatti shora ol’aanaa qabachuu isaa ni beekkama. Haata’uu malee qonni biyyaa fi naannoo keenyaa bali’inaan hirkatummaa rooba gannaa irratti xiyyeffatee kan oomishu waan ta’eef yeroo hedduu hanqinni roobaa mudachuu irraa kan ka’e  biyyi keenya rakkoo beelaaf saaxilamaa turtee jirti.

Rakkoo hanqina roobaatiin dhufu (Naannoo Gammoojjii) itti-fufiinsaan hiikuuf damee qonnaa ammayyeessuu fi misooma jallisii babal’isuun waggaatti yoo xiqqaate yeroo lamaa fi isaa ol oomishuu akka danda’amu Mootummaan Naannoo Oromiyaa xiyyeeffannaa guddaa itti kennee hojjechaa jira. 

Kana males sababa jijjiirama qilleensaatiin hanqina oomisha qonnaa irra gahu hambisuufis ta’e eeggattummaa roobaa jalaa bahuu irra darbee ce’uumsa qonnaa (Agricultural Transformation) dhugoomsuuf misoomni jallisii carraa filannoo hinqabne ta’uun hubatamee, qabeenya bishaani lafa jalaa fi lafa irraa fayyadamuudhaan oomisha keenya dabaluu fi wabii nyaataa sadarkaa maatii fi naannootti mirkaneessuu akkasumas jiruufi jireenya hawaasa horsiisee bulaa jijjiiruuf xiyyeeffannoo ol’aanaa itti kennuudhaan jijjiirama caalmatti fiduudhaaf hojjachuun murteessaa dha.

Tarsiimoo kanaa dhugoomsuudhaaf Mootummaan Naannoo Oromiyaa qabeenya uumamaa kanatti fayyadamuun misooma ariifachiisaa fi itti fufiinsa qabu fiduuf gurmaa’insaa fi caaseffama Biiroo Misooma Jallisii fi Horsiisee Bulaa Oromiyaa labsi Lak. 242/2014tiin  gurmeessee jira.

Gama biraatiin mootummaan naannoo Oromiyaa bara 2022 irratti biyya keenya biyyoota galii jidduu galeessa qabaaniin gahuuf galmaa biyyittiin kawwatte dhugoomsuuf karoora imala badhaadhinii waggaa kudhanii (10) baafatee cimee hojjata akka jiru ni beekkama. Kanas galmaan ga’uuf Biiroon misooma Jallisii fi Horsiisee Bulaa bu’aa eggamu milkeessuuf imaammataa fi tarsiimoo akka biyyaatti bahe irratti hundaa’ee karoora imala badhaadhinaa kana galmaan gahuuf ni hojjata.

Biiroon Misooma  jallisii fi Horsiise Bulaa  bu’uuralee jallisii  ijaaruu fi babali’isuun uummaanni naannoo keenyaa tajaajila dhiyeessa bishaan jallisii argatee akka itti-fayyadamu gochuun, galii Qonnaan/Horsiise Bulaa guddisuun  jiruu fi jireenya isaa foyyeesuuf  kan hojjatu yoo ta’u, ijaarsi bu’uuraalee jallisii amansiisaa fi itti-fuufinsa karaa qabuun tajaajila uummataaf akka kennu gochuuf hal-dureewwan ijaarsaan dura qoraannoo fi dizayiinii keesatti bifa guutuu ta’een raawwachuun fayyadamummaa uummataa mirkaneessuun barbachiisa dha.

Hojiiwwan misooma jallisii kana deeggaruu fi hojiirra oolchuuf qabeenya akka naannoo keenyatti jiru keessaa inni guddaan qabeenya bishaan lafa irraa fi lafa jalaa, haalli teessuma lafaa, humnni namaa raawwachuu danda’uu fi kkf hojii misooma jallisiif mija’aa ta’ee qabachuu ragalee adda addaa irraa hubachuun ni danda’ama.

Karoora bara 2015  karaa biiroo kanaan hojjataman keessatti qoraannoo bu’uuraalee misooma jallisii qulqullina qabu bifa qinda’aa fi hirmaachisaa ta’een raawwachuu, bu’uuralee jallisii  qulqullina qabuu ijaaruun, sirna bulchiinsa iskiimii diriirsuun, waldaalee itti-fayyadamtoota bishaan jallisii gurmeessuun miira abbummaan iskiimii bulchuu fi itti-fayyadamuu akka danda’aan taasiisuun tajaajila bishaan jallisii itti-fuufiinsa qabu dhiyeessuun,misooma gama diinagdee, hawaasummaa, bulchiinsa gaarii fi ijaarsa sirna haqaa jalqabaman itti fufsiissuuf qaama dhimmi ilaalu (sektaroota mootummaa, dhaabbilee Hawaasa Siviilii, abbootii qabeenyaa) waliin ta’un qindoominaan rakkoolee adda baasuu, karoorsuu, raawwachuu,  hordofuu, deeggaruu, gamaaggamuu fi kallattii furmaataa kennuun oomishaa fi oomishtummaa misooma jallisii guddisuun wabii midhaan nyaataa mirkaneessuuf karoorri waggaa bara 2015 kun qophaa’ee jira.

 

Maqaa Daayirektoreetii Biiroo Misooma Jallisii fi Horsiisee Bulaa Oromiyaa Bara 2014

  1. Daayirektoreetii Odiitii
  2. Garee Tajaajila Seeraa
  3. Daayirektoreetii Hordoffii fi Dagaagina Naamusaa
  4. Garee Kominikeeshinii
  5. Garee Idileessa Korniyaa, Daa’immann fi Dargaggootaa
  6. Daayirektoreetii Qophii, Karooraa, Baajataa, Hordoffii fi Gaamaaggama Raawwii
  7. Garee ICT
  8. Daayirektoreetii Faayinaansii fi Bittaa
  9. Daayirektoreetii Bulchiinsa Qabeenyaa fi Loojistikii
  10. Daayirektoreetii Misoomaa fi Bulchiinsa Qabeenya Namaa
  11. Damee Misooma jallisii fi Bu’uuraalee NHB

             11.1.         Daayirektoreetii Qorannoo fi Dizaayinii

             11.2.        Daayirektoreetii Bulchiinsa Kontiraataa

             11.3.         Daayirektoreetii To’annaa Ijaarsaa

  1. Damee Bulchiinsa Iskiimota Jallisii

             12.1.        Daayirektoreetii Bulchiinsa Iskiimota Jallis

             12.2.      Daayirektoreetii Hirmaannaa Uummataa WIBJ

  1. Damee Misooma Horsiisee Bulaa

              13.1.      Daayirektoreetii Qindeessaa Sagantaalee Piroojeltootaa fi Arjoomtootaa

              13.2.        Daayirektoreetii Qophii Hojiirra Oolmaa Paakeejiwwan Misooma Hawaas-Diinagdee NHB

              13.3.      Daayirektoreetii Qorannoo fi Qo’annoo Dursa Akee,kkachiisa Jiruuf Jireenya HHB

Bayyina Hojjatootaa Dhi 158 Dhu 74 Waligala 232

Mission

Qabeenya bishaan naannoo keenyaa, humnaa, beekumsaa fi dandeettii qindeessuun bishaan jallisii itti-fufiinsa qabu dhiyeessuu fi jiruuf jireenya uummata naannichaa jijjiiruudha.

Vision

Bara 2022tti qabeenya bishaan naannoo keenyaatti fayyadamuun dhiyeessa bishaan jallisii wal-irraa hin cinne dhiyeessuun jiruuf jireenyi uummataa jijjiirame arguudha.

Values

Toora xiyyeeffannoo tarsimoo’aa fi bu’aa toora xiyyeeffaannoo tarsimoo’aa

Ergamaa fi mul’ata mana hojii tokkoo kan mirkanaa’uu danda’u toora xiyyeffannoo sirrii ta’e yoo qabaate qofaa dha. Toorri xiyyeffannoo tarsiimoo’aan hojii gurguddoo mana hojii kan ibsuu fi karaa xiyyeffannoo kan mul’isan utubaa milkaa’inaa (Pillar of Exellence)dha.

Akka Naannoo keenyatti rakkooleen furmaata barbaadanii fi carraaleen gaariin misoomaa fi guddinaaf gumaacha ol’aanaa taasisan hedduun ni jiru. Haata’u malee dhiibbaan isaan milkaa’ina mul’ata biirichaa irratti qaban walqixa miti. Kanaafuu, kanneen ijoo ta’an addaan baasanii beekuudhaan xiyyeeffannoo itti kennanii irratti hojjechuun barbaachisaadha.

Toora Xiyyeeffannoo Tarsiimo’aa fi Bu’aalee Tarsiimo’aa BMJHBO

Lak

Toora Xiyyeeffannoo Tarsiimo’aa

Bu’aa Tarsiimo’aa

1

Buu’uuraalee misooma jallisii fi horsiise bulaa  diriirsuu fi bulchuu

Buu’uraalee misoomaa itti fufiinsaan tajaajila uummataaf  kennan

2

Qorannoo fi qo’annoon hawaas-diinagdee gaggeessuu

Bu’aa Qorannoo hojii irra oolchuun jijjiirama hawaas-diinagdee (socio-economic Tranisformation) itti fufinsan galma’e

3

Paakeejii hawaas-diinagdee teeknoloojiin deeggaramee qopheessuu

Paakeejiiwwaan Qophaa’e hojii irra oolchuudhaan fayyadamummaa   hawaasa mirkanaa’e.