Click this link to watch the video Facebook
BMJHBO Haroon ganda ijaaraa keessaatti hojjatame kun qabiyyee bishaan meetir kuubii kuma afurii ol kan qabatu yoo ta’u kana irraayis namootni 574 fayyadamoo ta’u. Haroo kana hojjachiisuuf qarshii miliyoona 4.4 ol baasii ta’eera.
Shimelis Abdisa Mootummaan Naannoo Oromiyaa jiruufi jireenya hawaasa horsiisee bulaa keenyaa foyyessuuf Imaammatafi tarsiimoo ifa ta’e qabatee socho’aa jira. Keessumaa gogiinsafi hongee deddeebi’ee muudatu yeroodhaaf furuu cinaatti, hojiilee furmaata yeroo hundaa ta’an irratti xiyyeeffatee hojjechaa jira. Horsiisa beeyladaa naannawichaa fooyyessuu cinaatti, lafa bal’dhaa toora horsiisee bulaa jiru gara oomishtummaatti galchuu keessatti hojii hojjetameen gama misooma […]
19/11/2015BMJHO Rooba dhabuun hongee uummameen beeyladni nyaata dhabuun miidhamuun yaadanno keenya yeroo dhiyooti. Bara kana godinaalee hanqina roobaa qabanitti lafa tutuqaa irraa bilisa gochuu roobaa fi jallisiin faca’ee heektaara 900155 misoomaa tureerraa marga toonii mil. 1.4 kan abdatamuu yammu ta’u sassaabbin margaas godinaalee kanatti cimee itti fufeera.
Pirojeektiiwwan gara garaa Birri Biiliyoona 8.6 oliin bara 2016tti ni hojjetamas jedhame. Facebook
Adoolessa 14/2015 BMJHBO Bara 2015 qormaatilee hedduu keessa ta’uun milkaa’inoonni hedduun kan galmaa’an yoo ta’u waltajjii gamaggamaa gaggeeffamaa jiru kanaan ciminoonniifi hanqinoonni turan adda bahu jadhan Hogganaa Biiroo Misooma Jallisii fi Horsiisee Bulaa Oromiyaa Inj. Girmaa Raggaasaa. Akka Inj. Girmaa Raggaasaa hasawa baniisa Marii raawwataa qopheessuu kana irratti ibsanitti ciminoota bara 2015 keesa turan ittifufsiisuun […]
Bara 2015 hojii misooma lafa dheedumsaa akka tarkaanfii tokkootti kallattii Mootummaan naannoo keenyaa kaa’een lafa heektara kumaa 700 irratti misoomsuuf karoorfamee lafa heektara kuma 900 ol irratti misoomsuun danda’ameera. Bu’aa bara 2015 keessaatti argame dachaan dabaluuf karoora hojii bara 2016 keessaatti lafa heektara miliyoona 3 irratti misoomsuun marga toonii miliyoona 10 argachuuf kan hojjatamu ta’uu […]
BMJHBO 11/11/2015 Finfinnee Bara 2015 Piroojektoota ijaarsaa gosa adda addaa 147 xumuruuf karoorfame keessaa Piroojektoota 140 xumuruun lafa hektaara 10,443.5 gara misoomaatti galchuun abbaa warraa 156,527 fayyadamaa taasisuun danda’ameera. Fayyadamummaa Hawaasaa mirkaneessuuf hojii hojjatamaa turan caalmaan itti fufsiisuuf karoora hojii bara 2016 keessaatti piroojaktoota buleeyyii 184 fi haaraa 20 kan hojjatamu ta’uu Itti aanaa Hogganaa […]