author

Bara kana akka biyyaa fi naannoo oromiyaatti inisheetivii misooma qamadii Jallisii bonaa qabamee galmaan gahuuf malawwan jallisii adda addaatiin lafa heektaara 2.5 oliif bishaan jallisii dhiyeessuuf qophiin taasifamaa jira.

BMJHBO 9/11/2015 Bara 2016 keessaa hojii misooma jallisii milkeessuuf malawwaan jallisii adda addaatiif bishaan jallisii dhiyeessuuf xiyyeeffaannoon kan hojjatamu ta’a. Kanaanis jallisii ammayyaan lafa heektaara 108,966, jallisii paampiin lafa heektaara 1,251,369, jallisii aadaan lafa heektaraa 680, 675 Jallisii boneen 302,392 Jallisii harootii lafa heektara 1228 Suphaa iskimootatiin lafa heektara 4,4510 paampii duraanii suphuun 103500, bolla […]

Godina Arsii Lixaa Aanaa Nageellee Arsiitti piroojektiin Misooma Jallisii eebbifame

Jilli bulchaa itti aanaa Godina Arsii Lixaa Obbo Asaffaa Tolasaan durfamu Aanaa Nageellee Arsiitti piroojeektii misoomaa jallisii qarshii miliyoona 12.8 oliin ijaarama turan eebbisiisuun tajaajilaaf banaa taasisan Bulchaa aanichaa Obbo Aabbu Osaa aanichatti pirojeektota yeroo dheeraaf turan bara Kana xiyyeeffannoon hojjatamuun tajaajilaaf kan dhaqqaban ta’uu dubbataniiru. Bulchaa ittaanaa Godinichaa Obbo Asaffaa Tolasaa Mootummaan qormaatilee uumamaa […]

Godina Shawaa Bahaa Pirojeektoota Jallisii 12 Qarsahii Miliyoona 260 oliin hojjatamaa ture eebbiffame.

BMJHBO 27/102015 Jillii Bulchaa Bulchiinsa Godina Shawaa Bahaa Obbo Abbaabbuu Waaqootiin durfamu Aanaa Ada’aa Ganda Karfeetti Pirojeektii Jallisii Qarshii Miliyoona 26 hojjetame eebbisiisan. Pirojeektin Jallisii Karfee kun Abbaa Warraa 120 fi Lafa hektaara 60 ol kan misoomsuudha. Godina Shawaa Bahaatti Bara Baajataa 2015tti Pirojeektota Jallisii 21 ijaarsiisuuf hojjetamaa ture keessaa pirojeektonni 12 Qarshii Miliyoona 260 […]

Godina Baalee Aanaa Dalloo Mannaatti pirojektiin jallisii Finnaa ijaarsisaa xumuramuun eebbifame.

BMJHO27/10/2015 Piroojaktiin finna Godina Baalee Aanaa Dalloo Mannaatti hojatamaa turee xumuramee kun Jilla Itti aanaa Hogganaa Biroo fi itti gaafatamaa Damee misooma jallisii fi Bu’uuraalee Horsiisee Bulaa Oromiyaa Inji.Alamuu Raggaasaan durfamu sirna midhaga ta’en ebbifameera. Piroojektiin finnaa kun bishaan meetiir kuubi miliyoona 3 kan qabatuu lafa heektaara 300 misoomsuu danda’a.Piroojaktii kana xumursiisuuf qarshiin miliyoona 394 […]

Piroojaktiin Finna Hiddii Roomsoo Godina Booranaa Aanaa Dirreetti ijaarsifamaa ture xumuramee eebbifame

BMJHBO Dirree Piroojaktoota Finnaa shan ijaarsi isaanii xumuramanii eebbifaman keessaa Piroojaktiin Finna Hiddi Roomsoo Aanaa Dirreetti ijaarsifamaa ture xumuramee Jila Hogganaa Biiroo Misooma Jallisii fi Horsiisee Bulaa Oromiyaa Inj. Girmaa Raggasaan durfamuun eebbifameera. Hidhni kun bishaan meetir kuubii miliyoona 1.1 qabachuu yoo danda’u Lafa heektara 46.5 jalliaiin misoomsuu danda’a. Ol dheerinni hidhichaa meetira 16.5 yoo […]

Godina Booranaa Aanaa Guchiittii Piroojaktiin Finna Qo’aa Dhaamotaa eebbifame.

Waxabajjii 26,2015 Guchii Piroojaktiin Finnaa Qo’aa Dhaamotaa Godina Booranaa Aanaa Guchii ganda Arbooraa jedhamutti hojjatamaa kan ture yoo ta’u ijaarsi isaa xumuramee har’a Jila Hogganaa Biiroo Misooma Jallisii fi Horsiisee Bulaa Oromiyaa Inj. Girmaa Raggasaan durfamuun eebbifameera. Piroojaktiin kun lafa heektara 50 misoomsuu kan danda’u fi bishaan meetir kuubii miliyoona 1.5 qabachuu kan danda’u yoo […]