BMJHBO 11/11/2015 Finfinnee
Bara 2015 Piroojektoota ijaarsaa gosa adda addaa 147 xumuruuf karoorfame keessaa Piroojektoota 140 xumuruun lafa hektaara 10,443.5 gara misoomaatti galchuun abbaa warraa 156,527 fayyadamaa taasisuun danda’ameera.
Fayyadamummaa Hawaasaa mirkaneessuuf hojii hojjatamaa turan caalmaan itti fufsiisuuf karoora hojii bara 2016 keessaatti piroojaktoota buleeyyii 184 fi haaraa 20 kan hojjatamu ta’uu Itti aanaa Hogganaa fi Itti gaafatamaan Damee Misooma Jallisii fi bu’uuraalee Horsiisee Bulaa Oromiyaa Inj. Alamuu Raggaasaa himaniiru.
Kanaanis Piroojektootni inisheetiivii Finnaa fi piroojektootni idilee ijaarsa irra jiran xiyyeeffannoo guddaan itti kennamuun xumuramuuf ni hojjetamuus jedhaniiru.