Bara kana akka biyyaa fi naannoo oromiyaatti inisheetivii misooma qamadii Jallisii bonaa qabamee galmaan gahuuf malawwan jallisii adda addaatiin lafa heektaara 2.5 oliif bishaan jallisii dhiyeessuuf qophiin taasifamaa jira.

0 minutes, 30 seconds Read
Share To Social Media

BMJHBO 9/11/2015

Bara 2016 keessaa hojii misooma jallisii milkeessuuf malawwaan jallisii adda addaatiif bishaan jallisii dhiyeessuuf xiyyeeffaannoon kan hojjatamu ta’a. Kanaanis jallisii ammayyaan lafa heektaara 108,966, jallisii paampiin lafa heektaara 1,251,369, jallisii aadaan lafa heektaraa 680, 675 Jallisii boneen 302,392 Jallisii harootii lafa heektara 1228 Suphaa iskimootatiin lafa heektara 4,4510 paampii duraanii suphuun 103500, bolla gabaabaatiin lafa heektara 8153 Jallisii barana ijaaramaniin lafa heektaara 5000 yoo ta’u walumaagalatti barana lafa heektaara 2,505,796 misoomsuuf malawwan jallisii kanaan dhiheessuuf qophin taasifamaa jira.

Akka Itti aanaa Hogganaa fi Itti gaafatamaa damee Bulchiinsa Iskimoota Biiroo Misooma Jallisii fi Horsiisee Bulaa Oromiyaa Inj. Gurmeessaa Oljirraa ibsanitti barana inisheetivii misooma qamadii milkeessuuf bishaan jallisii dhiheessuuf hojjatamaa jira jedhaniru.

May be an image of 1 person, dais and text

Similar Posts

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *