Biiroo Misooma Jallisii fi Horsiisee Bulaa Oromiyaa gamaaggamni raawwii hojiiwwan bara 2015 fi boqonnaan qophii karoora bara 2016 Hojjettoota Biiroo walin magaalaa Aadaamaatti Gaggessaa jira.

0 minutes, 36 seconds Read
Share To Social Media

Adoolessa 14/2015 BMJHBO

Bara 2015 qormaatilee hedduu keessa ta’uun milkaa’inoonni hedduun kan galmaa’an yoo ta’u waltajjii gamaggamaa gaggeeffamaa jiru kanaan ciminoonniifi hanqinoonni turan adda bahu jadhan Hogganaa Biiroo Misooma Jallisii fi Horsiisee Bulaa Oromiyaa Inj. Girmaa Raggaasaa.

Akka Inj. Girmaa Raggaasaa hasawa baniisa Marii raawwataa qopheessuu kana irratti ibsanitti ciminoota bara 2015 keesa turan ittifufsiisuun milkaa’ina caalmaa galmeessuuf akkasumas hanqinoota adda ba’an fooyyessuun fayyadamummaa uummataa mirkaneessuun akkaataa danda’amu irratti mari’atamuun irratti waliigalama jadhan.

Keessumattuu karoorri Karoora Xiiqii jedhamuun bara 2016 Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin qabamee jiru karoora ariitii, qulqullinaafi baay’ina akkasumas qindoomina qaama hundaa barbaadu darbees humnoota waloo duguuganii itti fayyadamuu gaafatu waan ta’eef akka Biiroo Misooma Jallisii fi Horsiisee Bulaa Oromiyaatti Xiiqiin Karoorsinee xiiqiin milkeessuun fayyadamummaa uummata keenyaa mirkaneessina jechun Dhuma irrattis dabalanii himaniiru.

Similar Posts

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *