Pirojaktiin Jallisii Ammayyaa meexii 2ffàa kun Qarshii miliyoona 9 oliin lafa hek 101 misoomsuu akka danda’uu fi kana irraa Abba warraa 428 fayyadamaa taasisuuf hojjatamaa ture xumuramee jila bulchaa Godinichaatiin durfamuun eebbifameera.
Waxabajji 23/2015 BMJHO Piroojaktiin finna Qarsaa yaa’ii Godina Booranaa Aanaa Miyootti hojatamaa turee xumuramee kun Jilla Itti Gaafatamaa Ijaarsa paartii Badhaadhinaa damee Oromiyaa Obbo Namarraa Buliin durfamu akkasumas bakka Hogganaa Biroo Misooma Jallisii fi Horsisee Bulaa Oromiyaa Inj.Girmmaa Raggaasaa argamanitti sirna midhaga ta’en ebbifameera. Oldheerinni hidha kanaa meetira 21 yoo ta’u bishaan meetiir kuubi miliyoona […]
Waxabajji 23/2015 BMJHO Piroojaktiin finna Bokossaa Godina Booranaa Aanaa Dubuluq hojatamaa turee xumuramee kun bakka I/G Ijaarsa paarti badhaadhina Damee Oromiyaa obbo Namarraa Buulii fi Hogganaa Biroo Misooma Jallisii fi Horsiisee Bulaa Oromiyaa Inj.Girmaa Raggaasaa akkasumas keessumoonni naannoo fi godina Booranaa argamanitti sirna ho’aa fi gammachisaa ta’en ebbifameera. Oldheerinni hidha kanaa meetira 10 yoo ta’u […]
BMJHBO 22/10/2015 Piroojaktiin Godina Qellem Wallaggaa Aanaa Hawwaa Galaan Projaktii Jallisii Coqorsaa hojjatamaa ture xumuramee walharkaa fudhiinsi koree teknika Jallisii walin taasifame. Proojaktiin Jallisii Coqorsaa hojjatamee kun lafa heektara 200 misoomsuu kan danda’u yoo ta’u abbootiin warraa 200 irraa fayyadamoo taasisa jechun I/G Waajjira Jallisii Godina Qellem Wallaggaa Obbo Addisuu Canqaa Ibsaniru.
Piroojaktootni kunneen jiila bulchaa Godinichaatiin durfamuun eebbifameera. Piroojektiin Kun lafa heek 112 kan misoomsuu fi Abbaa warraa nama 352 f tajajilaa kan kennuudha.
BMJHBO 18/10/2015 Piroojaktiin Aanaa Giddaa Ayyaanaa ganda Gaattiraa laga Shankooraatti keessatti hojjatamaa ture xumuramee walharkaa fudhiinsi waldaa Ittifayyadama Bishaan Jallisii walin taasifame. Proojaktiin jallisii sagantaa AGP ttin Aanaa Giddaa Ayyaanaa ganda Gaattiraa laga shankooraatti Hojatamaa jiru Birrii mil.13.5 hojjatamee kun lafa heektara 100 misoomsuu kan danda’u yoo ta’u abbootiin warraa 120 irraa fayyadamoo taasisa
15/10/2015 BMJHBO Piroojaktiin jallisii finna Bokosa Godina Booranaa Aanaa Dubluqqitti hojjatamaa ture xumuramee walharkaa fudhiinsi taasifameera. Piroojaktiin kun qarshii miliyoona 77 oliin kan ijaarsifame yoo ta’u lafa heektara 50 misoomsuu danda’a.
Waxabajjii 14, 2015 BMJHBO Dargaggeessi Godina Harargee Lixaa Aanaa Habroo Ji’oomeembireeniin barana raabsamee fayyadamun Haroo maatii qopheeffachuun Kuduraa oomishaa jiru muuxannoo dargaggoota kaanif ta’u hojjachaa jira. Dargaggoon Kaliif Ahimad jedhamu teekinoolojii jallisii bishaan qusachuuf oolu drip irrigation jedhamutti gargaaramuun kuduraa oomishaa. Hojii fakkeenyummaa qabu kanaan hawaasni naannoo muuxannoo irraa fudhachaa jiru. Dargaggoo Kaliif ergaa dabarseen […]
Piroojektoota Jallisii buleeyyii fi haaraa bara 2015 ijaarsa irra turan digdama keessa hordoffii cimaa fi deeggarsa guddaa taasisuun piroojejtoota 12 xumuruun Eebbaa fi tajaajilaaf banaa gochuu Waajjirri misoomaa jallisii fi horsiise bulaa Godina shawaa bahaa beeksiise. Godinni keenyaa, humna, beekumsaa fi dandeettii jiru qindeessuun bu’uuralee bishaan jallisii itti-fufiinsa qabu dhiyeessuu fi jiruuf jireenya uummata Godinichaa […]
Waxabajjii 12, 2015 BMJHBO Biiroon Misooma Jallisii fi Horsiisee Bulaa Oromiyaa hojii bara 2015 hojjachuuf karoorfate raawwaachaa ture maal akka fakkatu manajimantii isaa waliin gamaggameera. Gamaggama Kanaan keessaattuu hojiileen fayyadamummaa hawaasichaa mirkaneessuuf hojjatamaa turan haala kamiin adeemaa akka turanii fi bu’aa qabeessuummaa isaanii ilaallameera. Bu’uuruma Kanaan Piroojaktoota Jallisii 147 xumuruuf karoorfamee keessaa 135 xumuramaniiru. Bishaan […]