OBN Waxabajii 25,2015- “Hawaasni Naannawa Gammoojjii jiraatu baroota dheeraaf rakkoo garaagaraaf saaxilamaa tureef xiyyeeffannoon kennamee misoomaan utubamaa jira” jedhan Afyaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurhamaan. Aanaa Gumbii Bordoddee fi Mi’eessootti Pirojektoonni Misoomaa Gara garaa xumuraman Eebbifamaniiru. Aanaa Gumbii bordoddeetti Pirojektiin Haroo bishaan kuusu Araddaa Burii Arbaatti birrii miiliyoona 30’n hojjatame eebbifameera. Haroon amma hojjatame kun […]
OBN Waxabajjii 25,2015 Pirojektoonni kunneen rakkoo gogiinsaa irra deddeebiin Horsiisee bultoota qoru waaraan furuuf gumaacha olaanaa qabu. Oromiyaa keessatti pirojektoonni Finnaa kunneen iddoowwan hanqina roobaa qaban, irra deddeebiin hongeen rakkoof saaxilamanitti hojjetamuun isaanii aantummaa hawaasa horsiisee bulaaf mootummaan qabu mul’isuun cinatti, misooma waaraa hawaasa iddoo pirojektiin kun itti hojjetame jiraniif hiika guddaa qaba. Yeroo ammaa […]
Booranatti Qamadiin gahee Kombaayinaraan walitti qabamuu eegale OBN Waxabajjii 25, 2015 hojii kanas jila Pirezidaantii Ittaanaa mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdiin durfamtuu aanaa Miyootti eegalchiisan. Bulchaan Godina Booranaa Obboo Abdisalaam Waariyoo, Godinichatti rooba baranaan lafa heektaara Kuma 96 irratti facaafame jedhan. kana keessaa Aanaa torbatti laftii heektaara Kuma 12 fi 200 qamadiin kilaasteraan misoomuu […]
Moyyaalee irraa Haala qophii eebba Piroojaktii Finnaa
Waxabajjii 24,2015 BMJHBO Taltallee Aanaan Taltallee Aanaalee Horsiisee Bulaa Godina Booranaa keessaa tokko yoo taatu Aanaan horsiisee bulaa kun Hospitaala dhabuun hawaasni Aanichaa baay’ee rakkachaa turan. Yeroo ammaa rakkoo baroota dheeraaf ture kanaaf furmaata kaa’uuf Mootummaa Hospitaala jalqabaa Taltallee ijaarsisee ture guyyaa har’aa Jila Itti aanaa Pireezidantii Mootummaa Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdiin durfamuun eebbifameera. Sirna […]
Pirojaktiin Jallisii Ammayyaa meexii 2ffàa kun Qarshii miliyoona 9 oliin lafa hek 101 misoomsuu akka danda’uu fi kana irraa Abba warraa 428 fayyadamaa taasisuuf hojjatamaa ture xumuramee jila bulchaa Godinichaatiin durfamuun eebbifameera.
Waxabajji 23/2015 BMJHO Piroojaktiin finna Qarsaa yaa’ii Godina Booranaa Aanaa Miyootti hojatamaa turee xumuramee kun Jilla Itti Gaafatamaa Ijaarsa paartii Badhaadhinaa damee Oromiyaa Obbo Namarraa Buliin durfamu akkasumas bakka Hogganaa Biroo Misooma Jallisii fi Horsisee Bulaa Oromiyaa Inj.Girmmaa Raggaasaa argamanitti sirna midhaga ta’en ebbifameera. Oldheerinni hidha kanaa meetira 21 yoo ta’u bishaan meetiir kuubi miliyoona […]
Waxabajji 23/2015 BMJHO Piroojaktiin finna Bokossaa Godina Booranaa Aanaa Dubuluq hojatamaa turee xumuramee kun bakka I/G Ijaarsa paarti badhaadhina Damee Oromiyaa obbo Namarraa Buulii fi Hogganaa Biroo Misooma Jallisii fi Horsiisee Bulaa Oromiyaa Inj.Girmaa Raggaasaa akkasumas keessumoonni naannoo fi godina Booranaa argamanitti sirna ho’aa fi gammachisaa ta’en ebbifameera. Oldheerinni hidha kanaa meetira 10 yoo ta’u […]
