Dhiyeessii Bishaan Jallisii itti fufiinsaan gaggeessuuf hojiileen Suphaa Iskimoota Jallisii 12 qarshii miliyoona 209 gaggeeffamaa jiru.

author
0 minutes, 49 seconds Read
Share To Social Media

Caamsaa 15, 2015 BMJHBO

Dhiyeessii bishaan Jallisii itti fufiinsa qabu gaggeessuu bara kana oomishaa fi Omishtummaa qamadii dabaluuf dhiyeessii bishaan Jallisii Iskimii ammayyaa, Aadaa fi Paampiin lafa miliyoona 1.1 misoomsuun kana danda’ame yoo ta’uu bara dhufu oomisha qamadii lafa heektara miliyoona 2.5 irratti misoomsuuf karoorfameef bishaan dhiyeessuuf kan hojjatamu ta’a.

Haaluma Kanaan Iskimoota Jallisii 12 baajata Mootummaa qarshii Miliyoona 209’n hojjatamaa kan jiran yoo ta’u kana keessaa lama Godina Qeellem Wallaggaa Aanaa Daallee Wabaraa Iskimii Candoo kan abbootii warraa 88 fayyadamoo taasisuu qarshii milyoona 27’n suphaamee fi Godina Arsiii Aanaa Arsii Nagalleetti Iskimii Yakkaa Lalisaa jedhamuu qarshii 4.9 suphame kun abbootii warraa 666 fayyadamoo taasisan suphamanii tajaajilaaf qophaa’aniiru.

Iskimoota suphaamaa jiran kurnaan hafan 60% irraa kan jiranii fi ji’oota hafan keessaatti xumursiisuuf xiyyeeffannaan hojjatamaa kan jiru ta’uu Inj. Silashii Hundumaa Daareekteeraa Bulchiinsa Iskimoota Jallisii himaniiru.

Dabalataan Suphaa Iskimoota 12 gaggeeffamaa jiran Kanaan Lafa heektra 3809 misoomsuu kan danda’amu fi abbootiin warraa 11885 irraa fayyadamoo ta’uu akka danda’aniis Inj. Silashiin dubbataniiru.

May be an image of 1 person and text

All reactions:

57Ahme Jems and 56 others

Similar Posts

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *