Gammoojjii Booranaatti yeroo jalqabaatiif qamadiin misoome kombayinaraan hamamuu jalqabeera.

1 minute, 25 seconds Read
Share To Social Media

Booranatti Qamadiin gahee Kombaayinaraan walitti qabamuu eegale

OBN Waxabajjii 25, 2015

hojii kanas jila Pirezidaantii Ittaanaa mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdiin durfamtuu aanaa Miyootti eegalchiisan.

Bulchaan Godina Booranaa Obboo Abdisalaam Waariyoo, Godinichatti rooba baranaan lafa heektaara Kuma 96 irratti facaafame jedhan.

kana keessaa Aanaa torbatti laftii heektaara Kuma 12 fi 200 qamadiin kilaasteraan misoomuu himan.

Rakkoo hongee darbe keessaa baanee hardha sadarkaa qamadii walitti qabuu kanarra gahuun murannoofi kutannoo xiiqiin rakkoo keessaa bahuuf sochii qindoominaan taasifameen milkaa’uu dandeenye jedhan.

Bulchaan Aanaa Miyoo Obboo Aschaaloo Yohaannis akka aanichaatti laftii hektaara 170, kilaastera qamadiitin kan misoome ta`uu fi kilaasterrii qamadii Kun dhunfaafi waldaan hojjataamaa jiraachuu himan. Isa keessaa waldaan lattuu diida cinaa jedhamuutti lafa hektaara 25 irraatti qamadii kilaasteraan misoomse bu`aa gaarii abdachaa jiraachuu miseensonnii waldaa jiila kanaatti himan.

Pirezidaantii Itti Aanaan mootummaa naannoo Oromiyaa Obboo Awwaluu Abdii rakkoo darbe san keessaa bahuuf kutannoo jabaan hojjattanii milkaahina kana gahuu keessaniif galataa isaaniif qabaa jedhan hawaasan.

Booranaatti si’aa jalqabaatiif qamadii misoomsuun kombaayinaraan walitti qabuutti gammaduus dubbatan.

Itti gaafatamaan ijaarsa paartii badhaadhinaa damee Oromiyaa Obbo Namarraa Bulii, gammoojjii Booranaatti rakkoo Jabduu jijjiirama qilleensaa yeroo dhihoo darbee keeessaa baanee jijjiiramaa akka kanaa arguun abdii guddaa jedhan.

Midhaan argatan kanas qusannaan akka fayyadaman fi aadaa hojiis akka cimsatan dhaaman.

Muuxannoo kana bara ittaanuutti gammoojjii Booranaa dabalatee guutuu Oromiyaatti cimnee bonaa Ganna omishnuuf babal`isuuf ni hojjannaa jedhan.

Bishaan jallisii isa roobaa Sagantaa Porojektii Finnaan cimmisaa jirraa bishaan lafa jalaattiis cimnee ni hojjannaanas jedhan.

Biyya gabbataafi humna jabaa qabnu qindeessinee ni hojjanna, abbootii Gadaafi Jaarsii biyyaa Horsiifatee bulaan haa dammaquu, aadaa hojii cimsaas dhaaman.

Horsiisee bultootni dubbifnees rakkoo gogiinsaan miidhaa beelaa keessa bahuuf qonna cimsuuf murannoon hojiitti gallee jijjiirama kana arganneerra jedhan.

Sassabbiiif ammoo maashinaa haamaaf oolu, dhiheessii kombaayinaraa gaaffannee arganneerra; kanaattiis gammanneerraa jedhan. Guyyoo jilootu gabaase

Similar Posts

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *