BMJHO27/10/2015
Piroojaktiin finna Godina Baalee Aanaa Dalloo Mannaatti hojatamaa turee xumuramee kun Jilla Itti aanaa Hogganaa Biroo fi itti gaafatamaa Damee misooma jallisii fi Bu’uuraalee Horsiisee Bulaa Oromiyaa Inji.Alamuu Raggaasaan durfamu sirna midhaga ta’en ebbifameera.
Piroojektiin finnaa kun bishaan meetiir kuubi miliyoona 3 kan qabatuu lafa heektaara 300 misoomsuu danda’a.Piroojaktii kana xumursiisuuf qarshiin miliyoona 394 baasii itti ta’eera.



