Godina Booranaa Aanaa Guchiittii Piroojaktiin Finna Qo’aa Dhaamotaa eebbifame.

0 minutes, 42 seconds Read
Share To Social Media

Waxabajjii 26,2015 Guchii

Piroojaktiin Finnaa Qo’aa Dhaamotaa Godina Booranaa Aanaa Guchii ganda Arbooraa jedhamutti hojjatamaa kan ture yoo ta’u ijaarsi isaa xumuramee har’a Jila Hogganaa Biiroo Misooma Jallisii fi Horsiisee Bulaa Oromiyaa Inj. Girmaa Raggasaan durfamuun eebbifameera.

Piroojaktiin kun lafa heektara 50 misoomsuu kan danda’u fi bishaan meetir kuubii miliyoona 1.5 qabachuu kan danda’u yoo ta’u ijaarsa isaatiif qarshiin miliyoona 159 baasii itti ta’eera.

Bulchaa itti aanaa Godina Booranaa Obbo Bariisoo Qannoo Karaan jireenya hawaasa horsiisee bulaa ittiin foyyeessuun danda’u rakkoo bishaanii furuun waan ta’eef kanaaf xiyyeeffannoon kennamee hojii hojjatameen Godina keenyaatti bu’aan argameen Ummatni irraa fayyadamaa jiraa jedhan.

Hogganaan Biiroo Misooma Jallisii fi Horsiisee Bulaa Oromiyaa Inj. Girmaa Raggasaa sirna eebba kanaa irratti argamuun haasaa taasisaniin sababa hongeen deddeebi’ee muudatuun hawaasni keenyaa miidhaamaa ture kana furuuf Mootummaan jijjiurramaa xiyyeeffannoo kenneen piroojaktootni jallisii bishaan baay’ee qabachuu danda’an ijaarsiisee tajaajilaaf qopheessaa jira jechuun hawaasichiis kunuunfachuu akka qaban dhaamaniiru.

Similar Posts

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *