Caamsaa 24,2015 BMJHBO
Roobni dhabuun hongee uummameen Beeyladni nyaata dhabuun baay’een miidhamuun yaadannoo keenya yeroo dhiyooti. Namni Bofa argee quncee dheenfaa akkuma jedhamu badii kaleessaa irraa barachuun rooba gahaa roobeen marga misoomsame hammachuun yeroo rakkoof olkaawwachuun barbaachisaa waan ta’eef yeroo ammaa Godina margi nyaata beeyladaaf oolu hamuuf torbeen hamaa margaa labsamee hamaamaa jira.



