BMJHBO 29/11/2015
Godina Harargee Lixaa Aanaa Xuulloo Araddoota Aanaa hundaa keessaatti hojiin inisheetiviii bishaan cimmisuu haroolee adda addaatti bishaan roobaa kuusuu ballinaan kuufamaa jira.
Haroo maatii 396, Haroo ammayyaa 15 fi Haroo hawaasaa 6 fi hidhaa bishaanii gara garaa jiruutti bishaan roobaa meetirkuubiin 65,256 kuufamuu isaa Itti gaafatamtuun Waajjira misooma jallisii fi Horsiisee Bulaa Godina Harargee Lixaa Aaddee Misraa Mahammad ibsaniiru.




