BMJHBO 08/10/2015
Mootummaan Naannoo Oromiyaa hawaasni bishaan cimmisatee jiruu fi jireenya isaa akka foyyeeffatuuf hojiilee garaagaraa hojjachaa jira. Kana keessaa haroof maatiif kan oolu ji’oomeembireenii maallaqa guddaan bituun Horsiisee/ Qonnaan bulaaf rabsamaa jira.
Aanaa Xuullootti haroo maatii 31’f kan oolu ji’oomeembireenii qarshii miliyoona 1.2 oliin bitame qonnaan bultootaaf raabsame.
Bara kana hanga ammaatti haaroon maatii 396 ol kan qotame yoo tahu, isaan keessaa qonnaan bultoota 31’f ji’oomembireeniin kan raabsame tahuu Waajjirri Kominikeeshinii Aanaa Xuulloo Gabaaseera.
Kaayyoon isaas dhiyeessii bishaan jallisii tooftaalee adda addaa fayyadamuun bishaan cimmisuun yeroo hanqinni rooba jirutti oomishaa qonnaaf itti gargaramuuf kan ooludha.
Waajjira Kominikeeshinii Aanaa Xuulloo Wabeeffanne.



