Godina Harargee Lixaatti Projaktii Finnaa, Haroo Hawaasaa fi Maatitin Bishaan m3 mil. 7.7 ol kuusamuu akka danda’ame Ibsame.

author
1 minute, 3 seconds Read
Share To Social Media

Caamsaa 3,2015BMJHBO

Hongeen bara kana sababa hanqina roobaan muudatee ture Godinoota kudhan keessatti uummata rakkoof saaxilee ture. Oromiyaa keessatti godinoota lafa gammoojjummaa qaban keessatti hongeen irra deddeebiin muudachuun namaa fi beelyada irratti miidhaa qaqqabsiisa. Hongeen bara kana muudate garuu roobni waqtii roobaa shaniif walitti fufinsaan osoo hin roobiin turuu isaa irraa kan ka’e akkasumas biyya keenyarra darbee akka Gaanfa Afrikaatti kan uumamedha.

Mootummaan sababa hongee muudateen namaafi beeylada irra miidhaan akka hin geenyeef qaamota garaagaraa qindeessuun deeggarsa hatattamaa taasiseera. Hongee kanaan beeyladoota hedduu irra miidhaan ga’us deeggarsa hatattamaa mootummaafi qaamolee garaagaraan taasifameen lubbuu namaa baraaruun danda’ameera.

Haata’u malee, rakkoo hongee irra deddeebiin muudatu kana gargaarsa hatattamaa qofaan furmaata waaraa fiduun hin danda’amu. Mootummaan dhugaa kana hubachuun rakkinicha hundeerraa furuun dandamannaafi fayyadamummaa dinagdee uummata naannoo Horsisee Bulaa guddisuuf xiyyeffannoo olaanaan hojjetaa jira. Baajeta Biiliyoonatti lakkaa’amu ramaduun pirojektoonni jallisii Finnaa hojjetamaa jiran karoora yeroo dheeraa kana keessaa tokkodha. Pirojektoonni kunneen bishaan kuusuun hawaasni hojii jallisii hojjechuun dinagdee isaa akka fooyyeffatu taasisuudha.

Godina Harargee Lixaattis Akka I/Gaafatamtuu Waajjira Misooma Jallisii fi Horsisee Bulaa Godina Harargee Lixaa Adde Misraa Mahaammad ibsanitii Godinichatti Proojaktii Finnaa fi Earth Daamii lakk 5 Bishaan m3 1,430,000 , Haroo Maatii lakk.7716 Bishaan m3 192050 fi Haroo Hawaasaa lakk 1226 Bishaan m3 6130000 yoo ta’u walumaagala Godinichatti Bishaan m3 7,777,250 Bishaan roba arfaasaa kuusuu danda’amuu isaa himaniru.

Similar Posts

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *