Godina Shawaa Bahaatti Qamadii jallisiin lafa heektara  kuma 350 irratti misoomsuuf hojjatamaa jira.

author
0 minutes, 52 seconds Read
Share To Social Media

Onkololeessaa 07,2016 BMJHBO

Godinni Shawaa Bahaa qamadii jallisiin misoomsuun muuxannoo kan itti ta’eedha. Hojiin kunis Aanaalee Godinichaa 11 keessaatti hojjatamaa kan ture yoo ta’uu bara kanaas Aanaalee kanneen keessaatti lafa heektara kuma 350 irratti misoomsuuf hojii keessa galameera.

Haala sochii jallisii bara kanaa Aanaa Lumeetti argamuu  ilaalleerra. Aanichaatti facaasaan qamadii kan eegale ta’uus ilaalleerra.. Qonnaan bultootni hojicha irratti bobba’an dubbisnees bu’aa bara darbe argannee caalaa bara kana galmeessuuf hojjachaa jirraa jedhaniiru.

Hojichi bu’aa qabeessa akka ta’uuf galteen qonnaa akka yeroon dhiyaatuuf hojjachaa akka jiran immoo Obbo Lammii Hirkoo Itti gaafatamaa Waajjira Qonnaa Aanaa Lumee nutti himaniiru. Akka Aanaa isaanitti lafa heektara kuma 38 ol irratti misoomsuuf hojii keessa galuus dabalanii nutti himaniiru.

Akka Godina Shawaa Bahaatti bara kana tooftaalee dhiyeessiin bishaan Jallisii Aadaan, ammayyaa fi Paampiin lafa heektara kuma 350 irratti misoomsuuf hojii keessa galamuu Bakka bu’aa Itti Gaafatamaa Waajjira Misooma Jallisii fi Horsiisee Bulaa Godina Shawaa Bahaa Obbo Alii Jarraa dubbataniiru.

Godinicha keessa  Paampii bishaan jallisii 15964 kan ta’an kana rabsame yoo ta’u bara kana fedhiin jiruus 5500 yoo ta’u kanaas tooftaa adda addaan guuttachuuf hojjachaa jiraachuu Obbo Aliin dubbataniiru.

Similar Posts

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *