Godinni Shawaa Bahaa Piroojektii jallisii 12 bara kana xumuruu beeksise

2 minutes, 19 seconds Read
Share To Social Media

Piroojektoota Jallisii buleeyyii fi haaraa bara 2015 ijaarsa irra turan digdama keessa hordoffii cimaa fi deeggarsa guddaa taasisuun piroojejtoota 12 xumuruun Eebbaa fi tajaajilaaf banaa gochuu Waajjirri misoomaa jallisii fi horsiise bulaa Godina shawaa bahaa beeksiise.

Godinni keenyaa, humna, beekumsaa fi dandeettii jiru qindeessuun bu’uuralee bishaan jallisii itti-fufiinsa qabu dhiyeessuu fi jiruuf jireenya uummata Godinichaa jijjiiruuf ergama qabate milkeessaa jiraachuu ibse.

Waajjirichi bara hojii 2015 Ijaarsa Piroojektii buleeyyii fi haaraa digdama(20), Baajata idilee mootummaa fi mit-mootummaa qarshii Miliyoona 260 oliin hojjatamaa jiran keessa projektootaa 12 xumuruun tajaajilaaf banaa taasifameera.

Bulchiinsa Iskiimiitiin hojiilee hojjatamaniin Sagantaa raabsaa bishaanii qopheessuu fi hojii irra oolchuun, Lafa Qotee bulaaf hekt. = 200,000 oliif bishaan walirraa citiinsa malee raabsuun Omisha Qamaddii jallisii bonee Godinichaa milkeessuun kan danda’ame fi

Iskiimota jallisii xixxiqaa suphamuu danda’an hawaasa hirmaachisuun deeggarsa teekniikaa fi Ogummaa kennuun 17 suphisiisuu qabamee 35 kan milkeesse yoo ta’u, akkasumas Paampiiwwan 1,082 suphuuf tajaajila wal irraa hin cinne akka kennan gochuuuf karoorfame paampiwwaan 2,259 suphuun danda’ameera. Duduba (tima) bo’oo keessaa baasuuf meetiriki kuuybii 70,849 karoorfame meetriki kuuybii 113,877 kan raawwatame fi Paampii haaraa xixxiqaa fi gurguddaa 1,200 qotee bulaa raabsuuf karoorfame paampiiwwaan 1,751 hawaasaaf raabsuun bara hojii itti danda’ameedha.

Gama adeemsa Hirmaannaa hawaasaatiin Waldaalee itti fayyadama Bishaan Jallisiitiin Qotee bultoota iskimoota ammayyaa fi paampii irratti waldaa itti fayyadama jallisii haaraa 200 gurmeessuuf karoorfame Waldaa 1,052 gurmeessuun Waldaalee 634f Qaama seerumma kennuun danda’ameera.

Akkasummas hubannoo hawaasaa uumuun maddoota bishaan jiran akka itti fayyadamaniif bishaan boolla harka 560 qotuuf karoorfame boolla harka 645 fi haroo maatii 87 akka qotan taasifameera.

Misooma Hawaas-diinagdee horsiisee bulaa jijjiruuf dhaabbilee mit-mootummaa fi arjoomtoota qindeessuun hojii hojjatamaa ture keessatti koorniyaa idileessuun dubortoota waldaa garagaraan gurmeessuun horsiisa lukkuu, furdisa loonii,Omisha daabboo fi omisha dammaa irratti dubartootni 3 066 fayyadamoo kan taasifamee fi hojii irra Oolmaa Paakeejiwwan hawaas-dinagdee fayyadamummaa dargaggoota fi dubartoota irratti sagantaalee fi piroojektoota keessatti qindoominaan carraa hojii uumuuf hojii hojjatameen carraa hojii dhaabbii 241 fi kan yeroo 938 uumuun danda’ameera.

Akkasummas Qorannoo fi Qu’anoo qabbiyyeewwaan sad/3/ jiruu fi jireenya rakkoo hawaasa horsiisee bulaa hiikaan irratti qorannoon kan gaggeefamee fi rakkoo hoongee irra deddebiin horsiisee bulaa muudachuun loon isaa miidhaa ture hiikuuf inisheetivii misooma margaa nyaata beelladaa irratti lafa hektaara kuma 25 margaan misoomsuuf karoorfame lafa tuttuqaa irraa bilisa gochuu, roobaa fi jallisiiin margaa facaasuun hektaara kuma 52 oli misoomsuun marga beel milliyoona tokko oli sassaabuun kan danda’ameedha.

Hojii tola ooltummaa rakkoo hawaasa hiikanii fi misooma biyyaaf oolan humna, beekunsa fi qabeenya mana hojichaa qabnu qindeessuun hojii hojjatamaa tureen tilmaamaa qarshii 123,845 ol ta’u raawwachuun bara hojii itti danda’ameedha.

Itti Gaafatamaan Waajjira Misooma Jallisii fi Horsiisee Bulaa Godina Shawaa Bahaa Obboo Omaars Leencamoo akka jedhanitti bara hojii xumurree kanatti qirmaatilee hedduu keessatti kutannoo fi humna mana hojii jiru qindeessuun hojjatamaa turuu, waliif abboobamuu fi marii idilee fi al- idilee yeroo yeroon hojii keenya qorachaa duub-deebii battalaa walii kennuu fi waliirra fudhachaa deemuu ogeessoota fi hajjatoota keenya sadarkaa sadarkaa jiran milkaa’insa hojii bara kanaaf galtee guddaa nu ta’eera.

Waajjira Misooma Jallisii fi Horsiisee Bulaa Godinichaa wabeeffanne

Similar Posts

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *