Hawaasni naannawa gammoojjii misoomaan utubamaa jiraachuu afayaa`iin Caffee Oromiyaa himan

0 minutes, 49 seconds Read
Share To Social Media

OBN Waxabajii 25,2015- “Hawaasni Naannawa Gammoojjii jiraatu baroota dheeraaf rakkoo garaagaraaf saaxilamaa tureef xiyyeeffannoon kennamee misoomaan utubamaa jira” jedhan Afyaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurhamaan.

Aanaa Gumbii Bordoddee fi Mi’eessootti Pirojektoonni Misoomaa Gara garaa xumuraman Eebbifamaniiru. Aanaa Gumbii bordoddeetti Pirojektiin Haroo bishaan kuusu Araddaa Burii Arbaatti birrii miiliyoona 30’n hojjatame eebbifameera.

Haroon amma hojjatame kun hawaasa Aanaa Gumbii bordoddee qofa osoo hin taane hawaasa naannoo oollaa Affaariifis tajaajila bishaan dhugaatii beeyladaatiif oolaa jira waan ta`eef waliin jireenya obbolummaas kan cimsaa jiru tahuu Aadde sa’aadaan Himan.

Aanaa Mi’eessoottiis Pirojektiin Riqicha laga soddomaa birrii miiliyoona 18 oliin hojjatamee Hogganaa dhaabbata O’Mining Dr. Masfin Asaffaan eebbifameera. Dr.Masfin Akka himanitti Hawaasni Aanaa Mi’eessoo baroota hedduuf obbolaa isaa hawaasa soomaaleen walitti bu’aa tureen miidhaa heddu keessa turuun jijjiiramaan as nagaa argatee hojii misoomaatti galuun milkii guddaa dha jedhan.

Bulchituun Godina Harargee Lixaa Aadde Ikraam xahaa hawaasi gammoojjii Aanaalee lamaanii pirojektoota eebbifaman kanneen eeggachuun qixa sirriin itti fayyadamuu bira darbee eeggatummaa jalaa bahuufis carraaqqii jalqabe cimsee itti fufuu akka qabu dhaaman.

Similar Posts

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *