BMJHBO 18/12/2015
Bara 2016 jallisiin qamadii lafa heektara miliyoona 2.5 irratti misoomsuuf karoorri qabamee hojitti galamuuf adeemaa jira. Hojii kana milkeessuuf dandeettii ogeessoota damee kana irratti hojjatan cimsuun waan barbaachisuuf leenjiin mata Sosochii uummataa dhiyeessa bishaan jallisii bara 2016 Ogeessoota Aanaalee kanneeniif Kilaastara jaha Adaamaa, Shaashamannee,Roobee, Ciroo,Naqamtee fi Jimmatti guyyaa boruu ni kennama.
Akkaataa leenjii kana itti milkeessuun danda’amu irrattiis mari’atameera. Leenjifamtootni leenjicha fudhaatan dirqama irra jiru bahuuf leenjichi leenjii hidhannoo isaanii cimsu waan ta’eef ayaataan hordofuu akka qabaniif dhaamameera.
Leenjiin guyyoota lamaaf kennamu kun walta’iimsa Biiroo Misooma Jallisii fi Horsiisee Bulaa fi Biiroo Qonnaa waliin ta’uun kan qophaa’eedha.




