Hojii misooma jallisii kan bara darbee irra bara kana dachaa oliin guddisuuf dandeettii raawwachistummaa cimsuuf leenjii kilaastra jahaan kennamaa ture xumurame.

1 minute, 24 seconds Read
Share To Social Media

BMJHBO 20/12/2015

Hojii misooma jallisii bara oomishaa 2015 keessaatti hojjatamaa tureen lafa heektara miliyoona 1.1 irratti qamadii oomishamneen bu’aa fi muxaannoo argachuu irra darbamee oomishicha gara biyya alaa erguun danda’ameera.

Kun seenaa biyya keenyaa keessaatti hin danda’amu jedhamee amanamaa ture kan cabse yoo ta’uu kanaanis qamadiin wabii nyaataan of danda’uu, alaa kan galu bakka buusuu, alatti erguu fi carraan hojiin akka uummamu taasifameera.

Bara 2016 oomisha qamafii jallisiu kan bara darbee irra dachaa oliin dabaluuf karoorfamee hojitti galuuf hojjatamaa jira.

Hojii kana milkeessuu akka danda’amuuf leenjii sosochii Ummataa dhiyeessii bishaan Jallisii bara 2016 jedhu irraatti guutuu Oromiyaa irraa Aanaa irraa Itti gaafatamaa Waajjira Qonnaa, Ogeessaa electro mechanical, Qindeessaa hojii Jallisii aanaa qonna keessa jiru, Abbaa Adeemsaa Misooma Midhaanii yoo ta’u Godina irraa immoo Focal person misooma qamadii, Dursaa garee hirmannaa Ummataa fi Dursaa garee bulchiinsa Iskimii walummaa galattii namoota 1330 hirmaachiseen guyyoota lamaaf Kilaastara jahatti qooddamuun kennamaa ture xumurame.

Kaayyoon leenjii kanaas misooma jallisii hojjatamuuf deemuuf sosochiin Ummataa dhiyeessii bishaan jallisii irratti akka guddaatuu fi teekinoolojiwwan dhiyeessii bishaan jallisii akkaataa itti fayyadamuun danda’amu irratti xiyyeeffatee kennamaa kantureedha.

Hojii misooma jallisii hojjatamaa tureen akka hanqinaatti kan ilaallamaa kan ture itti fayyadama bishaan waan ta’eef leenjichi hanqina muudate kana irratti hojjachuuf kan gargaaruudha.

Hirmaattootni leenjichaas akka jedhanitti hawaasa karaa saayinsaawwaa ta’een tajaajiluuf leenjichi hidhannoo isaanii kan cimseef ta’uu himan.

Hogganaan Biiroo Misooma Jallisii fi Horsiisee Bulaa Oromiyaa Inj. Girmaa Raggasaa akka jedhanitti karoora xiiqii bara 2016 gama jallisiin qabame galmaan gahuuf dhiyeessiin bishaan jallisii murteessaa waan ta’eef qaamooleen leenjicha argatan beekkumsaa fi dandeettii cimsattanniin kana hojitti hiikuun hawaasa tajaajiluu qabduu jedhaniiru. Itti dabalanii bara 2016 lafa heektara miliyoona 2.5 irratti qamadii oomishuuf waan qabameef amummaarraa qophaa’uun barbaachiisaadhaas jedhaniiru. Bu’aan leenjichaas hojii lafa ooluun madaallama waan ta’eef hojiin argarsiisuu akka qabaniis dhaamaniiru.

Similar Posts

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *