Hojiilee harca’anii hafan karoora guyyoota 60 keessaatti raawwachuuf xiyyeeffannoon hojjatama.

author
0 minutes, 35 seconds Read
Share To Social Media

Caamsaa 01,2015 BMJHBO

Hojiin karooraan qabamanii hanga kurmaana 3ffatti raawwataman keessatti hojiilee harca’anii hafan dabaluun karoora guyyoota 60 baafachuun saffisaan hojjechuun karoora bara 2015 sadarkaa olaanaan milkeessuuf hojjatamaa jira.

Akkatuma gamaggama hojii kurmaana 3ffaa gaggeeffameen ciminootaa fi hanqinoota adda bahan galtee godhachuudhaan hojiilee harca’aanii hafan karoora guyyoota 60 qophaa’uun raawwachuuf hojjatamaa jira.

Dhimma kana irratti manni hojichaa mari’ateera. Marii kanaanis keessaattu Piroojaktoota xumuramuu qabaniif xiyyeeffannaa kennamee hojjatamuu akka qabu kan ka’e yoo ta’u kana milkeessuuf raawwataan hundi karoora isaa guyyoota 60 kanaan hojiilee harca’aanii hafan bifa raawwachuu danda’uun qopheeffachuu qabaas jedhameera.

Kanaanis dhuma waggaa irratti hojiin karoorfame harcaatii malee akka hojjatamu taasisuun karoora qabaman sadarkaa olaanaan raawwachuudhaan imala badhaadhinaa sadarkaa hundatti mirkaneessuuf xiyyeeffannoon kan hojjatamu ta’uu Hogganaan Biirichaa Inj.Girmaa Raggasaa himaniiru.

Similar Posts

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *