Hojiilee mala dandamannaa hongee :-Naannoo Oromiyaatti Pirojektoota Finnaa 72 hojjetamaa jiran keessaa 12 xumuramuun eebbifamaa jiru.

0 minutes, 25 seconds Read
Share To Social Media

OBN Waxabajjii 25,2015

Pirojektoonni kunneen rakkoo gogiinsaa irra deddeebiin Horsiisee bultoota qoru waaraan furuuf gumaacha olaanaa qabu.

Oromiyaa keessatti pirojektoonni Finnaa kunneen iddoowwan hanqina roobaa qaban, irra deddeebiin hongeen rakkoof saaxilamanitti hojjetamuun isaanii aantummaa hawaasa horsiisee bulaaf mootummaan qabu mul’isuun cinatti, misooma waaraa hawaasa iddoo pirojektiin kun itti hojjetame jiraniif hiika guddaa qaba.

Yeroo ammaa kanas Aanaalee Godinaalee Oromiyaa irra deddeebiin hanqinni roobaa itti hammaatutti pirojektoota Finnaa 72 hojjetamaa jiran keessaa 12 guutummaatti xumuramuun eebbifamaa jiru.

Pirojektoota Finnaa hanga ammaa xumuramaniinis bishaan roobaa miitirkuubiin miiliyoonni 30 kuufamuun eerameera. BMJHBO.

Similar Posts

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *