OBN Hagayya 05, 2015- godinichatti Rooba Arfaasaa baranaan Lafti hektaara Kuma 100 fi kuma 11 midhaan gosa adda addaan misoomuu Waajjirri Qonnaa Godinichaa beeksise.
Kana keessaas, harki 60 ol oomisha qamadiin misoome jedhame.
Itti gaafatamaan Waajjira Qonnaa Godina Boorana Bahaa Obbo Masqaluu Tulluu akka Godinichaatti qonna arfaasaan lafa hektaara kuma 100 fi kuma 11 irratti midhaan gosa adda addaa misoome irraa caallaa kuntaala miiliyoona 2.3 argamuuf hojjatamaa jira jedhan.
Bulchaan Godina Boorana Bahaa Obbo Jaarsoo Boruu, Horsiisee bulaan qeenca horii qofa baayi’suu dhiisee carraa argateen of jijjiirruuf carraaquu akka qabu dhaaman.
Kiyyaa Buleetu gabaase.




