Hospitaalli jalqabaa Taltallee Jila Itti aanaa Pireezidantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdiin durfamu eebbifameera.

0 minutes, 43 seconds Read
Share To Social Media

Waxabajjii 24,2015 BMJHBO Taltallee

Aanaan Taltallee Aanaalee Horsiisee Bulaa Godina Booranaa keessaa tokko yoo taatu Aanaan horsiisee bulaa kun Hospitaala dhabuun hawaasni Aanichaa baay’ee rakkachaa turan.

Yeroo ammaa rakkoo baroota dheeraaf ture kanaaf furmaata kaa’uuf Mootummaa Hospitaala jalqabaa Taltallee ijaarsisee ture guyyaa har’aa Jila Itti aanaa Pireezidantii Mootummaa Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdiin durfamuun eebbifameera.

Sirna eebbaa kana irratti Obbo Awwaluun haasaa taasisaniin akka jedhanitti Mootummaan jijjiirramaa eegaluu qofa osoo hin taanee xumurree riivanii muruun aadaa isaatii kanaaf piroojaktoota fayyadamummaa Ummataa mirkaneessaan baldhinaan eegalamanii akkasuma baay’inaan xumuramuun tajaajila kennaa jiru jedhan.

Jiraattootni Aanichaas baroota dheeraaf Hospitaala dhabuun rakkachaa turuu himuun Mootummaan rakkoo keenya nuuf hubatee Hospitaala kana qe’ee keenyaatti nuuf ijaarsiisuu isaa ba’aa nurraa buusee jedhan.

Hospitaalichi ijaarsi isaa bara 2004 kan eegale yoo ta’u waggoota 11’d harkifachaa turee yeroo ammaa tajaajila laachuu eegaleera.

Hospitalichi meeshaaleen fi humni namaa yoo guuttameef Ummata kuma 100 oliif tajaajila laachuu danda’a.

Similar Posts

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *