Waxabajji 23/2015 BMJHO
Piroojaktiin finna Qarsaa yaa’ii Godina Booranaa Aanaa Miyootti hojatamaa turee xumuramee kun Jilla Itti Gaafatamaa Ijaarsa paartii Badhaadhinaa damee Oromiyaa Obbo Namarraa Buliin durfamu akkasumas bakka Hogganaa Biroo Misooma Jallisii fi Horsisee Bulaa Oromiyaa Inj.Girmmaa Raggaasaa argamanitti sirna midhaga ta’en ebbifameera.
Oldheerinni hidha kanaa meetira 21 yoo ta’u bishaan meetiir kuubi miliyoona 1.6 kan qabatuu lafa heektaara 31 misoomsuu danda’a.Piroojaktii kana xumursiisuuf qarshiin 101308 693.93 baasii itti ta’eera.



