BMJHBO 27/11/2015
Mootummaan bara 2016 keessaatti kallattii addaan karoorfamee hojjatamuu akka qabu kallatuma kaa’een Biiroon Misooma jallisii fi Horsiisee Bulaa Oromiyaa Karoora isaa baafatee caasaa fi hojjattoota isaa waliin irratti mari’ateera. Bu’uuruma kanaan karoora dhuunfaa hanga mana hojitti qophaa’ee galmaan gahuuf miira waliin hojjachuutiin qophaa’uun barbaachisaa akka ta’e marii manajimantii mana hojichaatiin kallattiin kaa’eera.




