Leenjiin mata duree adda addaa irratti piroojaktii “DRSLP-II”n Magaalaa Adaamatti ogeessoota Aanaalee fi Godinaaleef kennamaa ture xumurame.

author
1 minute, 2 seconds Read
Share To Social Media

Caamsaa17,2014 (BMJHBO) Adaamaa

Piroojaktiin dandamannaa Hongee fi itti fufiinsa jiruu fi jireenya horsiisee bulaa(DRSLP-II) Aanoota Godinaalee 3 keessaatti argaman 8 kanneen gandoota 40 keessaatti waggoottan 6 darbaniif bu’uuraalee misooma hawaas dinadgee hawaasa horsiisee bulaa fayyadamoo taasisan raawwachaa tureera.

Haalumaan gama ijaarsaatiin giddu galeessa gabaa beeyldaa,daandii,ijaarsa misooma bishaanii fi mankuusaa raawwachaa kan ture yoo ta’uu misooma nyaata beeyladaatiin baay’inaa margi akka oomishamuu hojjatamaa tureera. Hawaasni Piroojaktiin kun keessaati hojjatu keessatti hawaasichi dinagdeen akka nu danda’uuf waldaalee ijaaruun maallaqa ka’umsaa kennameen warri kaleessa hiyyummaaf jilbiffatanii turan har’a abbaa qabeenyaa ta’uun ofirra darbanii abbii jireenyaa kaanii ta’uu danda’aniiru.

Gama biraatiin sanyiiwwan midhaanii hongee dandamatan naannoo gammoojjii mijatoo ta’an kennuun oomishaa fi oomishtummaa isaanii akka guddatuus bu’uurri kaa’ameera.

Tajaajila fayyaa beeyladaa foyyeessuuf hojii hojjatamaa tureen meeshaleen waldhaansa fayyaa beeyladaa oolan baldhinaan bitamanii kilinikoota beeyladaa 8 fi keellaa fayyaa 25’f fi giddu gala fayyaa beeyladaa Yaaballoof raabsameera.

Piroojaktiin kun yeroo ammaa xumura irra kan jiruu fi Piroojaktii biroon bakka bu’ee kan jiru yoo ta’uu hojiilee eegalamnii turan itti fufiinsa akka qabatuuf ogeessoota Godinaalee, Aanaalee fi Itti gaafatamtoota Waajjira Misooma Jallisii fi Horsiisee Bulaa Godinaalee Booranaa fi Gujii laman hirmaachisee magaalaa Adaamatti mata dureewwaan jiruu fi jireenya fi misooma margaa jedhaman irratti xiyyeeffate guyyoota 4’f kennamaa ture xumurameera.

+4

All reactions:

44Ahme Jems and 43 others

Similar Posts

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *