Leenjiin Sosochii Uummataa dhiyyeessii Bishaan Jallisii Guyyoota Lamaaf kennama ture xumuramera.

0 minutes, 48 seconds Read
Share To Social Media

Karoora xiiqii Misooma qamadii bonaa bara 2016 irratti karoorfame Milkeessu itti fayyadama dhiyyeessi bishaani, Sosochii Uummataa, Suphaa fi Opireeshinii Paampii irraattii ogeeyyiin Godinaalee fi Aanoolee baay’inaan Namoota 204 Leenji’a turaniru.

Akka Naannoo oromiyaatti mootummaan Jiruu fi Jireenya Uummataa dinagdeedhaan cimsuuf hojiiwwan bal’aa hojjacha jiraachuu lnisheetiviiwwan hedduun mul’ata badhaadhina milkeessuuf hojjetama jiraachuu, Rakkoolee gogiinsaa fi beelan nuu mudataa turan furuuf hojiillee heddun Jallisiidhaan hojjetama turuu kan himaan Itti Aanaa Hogganaa Biiroo Misooma Jallisii fi Horsiisee Bulaa Oromiyaa fi Itti Gaafatamaa Damee Bulchinsaa Iskimii Inj. Gurmeessa Oljiraa bara kanas Karoora hiixxataa qabachuun humna waloo milkeessuuf caalmaatti hojii hojjatamu qabu dhamuun yaadan fi gaaffii ka’an irraatti deebii fi hubannoo kennaniru.

Itti Gaafatamaa Wajjirra Kilastera baadiyaa Obbo Dastaa Nageessoo hojiillee Jallisiin hojjataman irraa bu’aa guddaan akka argame himanii, bara kanas galmoota qabaaman milkeessuuf qopha’umaan qaamolee hunda murteessa ta’uu hojiin xiiqiidhaan hojjatamuu Akka qabu eerani yaada fi gaaffii ka’e irraatti deebii kennun kallatti fuula dura irratti cimee hojiin Akka hojjatamu qabu dhamaniru.

Leenjiin Kunis kilaastera shaashamanetti haala gaariidhaan xumuramera.

Similar Posts

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *