Mootummaan horsiisee bultootaa fayyadamaa taasisuuf hojii bal’aa hojjetaa jira. [Kallacha Oromiyaa]

author
1 minute, 0 seconds Read
Share To Social Media

Godina Harargee Lixaa Aanaa Gumbii Bordoddee Araddaa Burii Arbaatti haroon hidhamaa jiru irraa beyladoota kuma 30 oliif tajaajila bishaan dhugaatii kennaa jira.

Kana mirkaneessuuf hojiin hidha haroo aanicha keessatti mootumman hojjachaa jiru keessaa haroo Araddaa burii arbaatti hojjatamaa jiru gandoota 10 ol kan ta’anii fi beyladoota kuma 30 hangs 40 ga’aniif haroon kun tajaajila kenna jirachuu itti gaafatamaan waajjira misooma jallisii fi horsiisee bulaa Aanichaa Obbo Husseen Fantaallee ibsan.

Horsiisee bultoonni osoo haroon kun hin hidhamin dura beyladaan isaanii bishaan barbaacha daandii figoo deemanii jalaa miidhaamuu himan.

Amma immoo lafa dheedaa keessatti mootummaan haroo hidhee bishaan waan argachaa jiraniif fayyaa qabeessaa fi bu’aa gaariis akka irraa argatan himan.

Horsiisee bultoonni mootummaan beyladoota keenyaaf yaadee haroo hidhuu isaatti gammaduu galateeffachun haroo kana jabeeffatan ta’uu ibsan.

Bulchaan aanichaa Obbo Muraad Ahmad fayyadamummaa ummata keenya mirkaneessee akka badhaadhu taasisu hojjatamaa akka jiru eeran.

Hojii qabeenya uumamaa hidha haroo gara gubbaatti daaga biyyoo fi dhagaa hojjatamu kanaan biyyoon gabbata hidhame keessa marga loonii facaasanii tajaajila loowwaniif akka ooluu fi bishaan qulqulluun akka gara harootti seenuu danda’u irratti hojjachuuf mari’achiisu ibsan.

Mootummaan dhawaataan iddoo hundaatti hojii ummanni irraa milkaa’u hojjachaa jira waan ta’eef ummanni keenya mootummaa cinaa dhaabbatee hojii misooma itti fufiinsaan hojjachuu akka qabu Obbo Muraad dhaaman.

Waajjira Kominikeeshinii Aanichaatu gabaase.

Similar Posts

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *