Mootummaan Naannoo Oromiyaa jiruufi jireenya hawaasa horsiisee bulaa keenyaa foyyessuuf Imaammatafi tarsiimoo ifa ta’e qabatee socho’aa jira : Kabajamoo Pirezdaantii BMNO Obbo Shimalis Abdiisaa

0 minutes, 34 seconds Read
Share To Social Media

Shimelis Abdisa  

Mootummaan Naannoo Oromiyaa jiruufi jireenya hawaasa horsiisee bulaa keenyaa foyyessuuf Imaammatafi tarsiimoo ifa ta’e qabatee socho’aa jira. Keessumaa gogiinsafi hongee deddeebi’ee muudatu yeroodhaaf furuu cinaatti, hojiilee furmaata yeroo hundaa ta’an irratti xiyyeeffatee hojjechaa jira.

Horsiisa beeyladaa naannawichaa fooyyessuu cinaatti, lafa bal’dhaa toora horsiisee bulaa jiru gara oomishtummaatti galchuu keessatti hojii hojjetameen gama misooma qamadiitiin seenaa haaraafi bu’aa ajaa’ibsiisaan argamaa jira.

Bara oomishaa 2015, Godinaalee Booranaa, Boorana Bahaa, Gujii, Gujii Lixaafi Baale Bahaa keessatti lafa heektaara kuma 618 misooma qamadii Arfaasaatiin uwwisuun danda’ameera. Hanga ammaatti lafa %86 irraa kan sassaabame yoo ta’u, callaan kuntaala mil. 6’tti dhiyaatu argameera.

Walumaa galatti, mootummaan keenya qonna naannichaa hirkattummaa roobaa jalaa baasudhaan fayyadamummaa ummata keenyaa mirkaneessuf yeroo kamuu caalaa kan hojjetu ta’a.

የኦሮሚያ ክልላዊ መንግስት የአርብቶ አደሩ ህዝባችንን ኑሮ ለማሻሻል ግልፅ የሆነ ፖሊሲና ስትራቴጂን ነድፎ እየተንቀሳቀሰ ይገኛል። በተለይም በተደጋጋሚ እያጋጠመ ላለው የድርቅ ችግር ጊዜያዊ መፍትሔን ከማበጀት ጎን ለጎን ዘላቂ መፍትሔ ለማስቀመጥ በትኩረት እየሰራ ይገኛል።

የአርብቶ አደሩ የኑሮ ዘይቤ የሆነውን የከብት እርባታ ስራ ከማሻሻል ጎን ለጎን በአከባቢው የሚገኘውን ሰፊ ያለማ መሬት ወደ ልማት ለማስገባት በተደረገው ጥረት በስንዴ ልማት አዲስ ታሪክና አስደማሚ ውጤት እየተመዘገበ ነው።

በ2015 ዓ.ም የምርት ዘመን በቦረና፣ በምስራቅ ቦረና፣ በጉጂ፣ በምዕራብ ጉጂና በምስራቅ ባሌ ዞኖች ከ618 ሺህ ሄክታር መሬት በበልግ የስንዴ ምርት ለመሸፈን ተችሏል። በምርት ከተሸፈነው መሬት እስከአሁን ድረስ 86% ከሚሆነው መሬት የተሰበሰበ ሲሆን ወደ 6 ሚሊዮን የተጠጋ ኩንታል ምርት ተገኝቷል።

በአጠቃላይ መንግስታችን የክልሉን ግብርና ከዝናብ ጥገኝነት በማላቀቅ የህዝባችንን ተጠቃሚነት ለማረጋገጥ ከምንጊዜውም በላይ አጠናክሮ የሚሠራ ይሆናል።

Similar Posts

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *