Hojii misooma jallisii kan bara darbee irra bara kana dachaa oliin guddisuuf dandeettii raawwachistummaa cimsuuf leenjii kilaastra jahaan kennamaa ture xumurame.

BMJHBO 20/12/2015 Hojii misooma jallisii bara oomishaa 2015 keessaatti hojjatamaa tureen lafa heektara miliyoona 1.1 irratti qamadii oomishamneen bu’aa fi muxaannoo argachuu irra darbamee oomishicha gara biyya alaa erguun danda’ameera. Kun seenaa biyya keenyaa keessaatti hin danda’amu jedhamee amanamaa ture kan cabse yoo ta’uu kanaanis qamadiin wabii nyaataan of danda’uu, alaa kan galu bakka buusuu, […]

Hojii misooma jallisii bara 2016 hojjatamu milkeessuuf Ogeessoota Aanaaleef Leenjiin dandeettii cimsuu boru irraa kaasee ni kennama

BMJHBO 18/12/2015 Bara 2016 jallisiin qamadii lafa heektara miliyoona 2.5 irratti misoomsuuf karoorri qabamee hojitti galamuuf adeemaa jira. Hojii kana milkeessuuf dandeettii ogeessoota damee kana irratti hojjatan cimsuun waan barbaachisuuf leenjiin mata Sosochii uummataa dhiyeessa bishaan jallisii bara 2016 Ogeessoota Aanaalee kanneeniif Kilaastara jaha Adaamaa, Shaashamannee,Roobee, Ciroo,Naqamtee fi Jimmatti guyyaa boruu ni kennama. Akkaataa leenjii […]