Dhiyeessii Bishaan Jallisii itti fufiinsaan gaggeessuuf hojiileen Suphaa Iskimoota Jallisii 12 qarshii miliyoona 209 gaggeeffamaa jiru.

Caamsaa 15, 2015 BMJHBO Dhiyeessii bishaan Jallisii itti fufiinsa qabu gaggeessuu bara kana oomishaa fi Omishtummaa qamadii dabaluuf dhiyeessii bishaan Jallisii Iskimii ammayyaa, Aadaa fi Paampiin lafa miliyoona 1.1 misoomsuun kana danda’ame yoo ta’uu bara dhufu oomisha qamadii lafa heektara miliyoona 2.5 irratti misoomsuuf karoorfameef bishaan dhiyeessuuf kan hojjatamu ta’a. Haaluma Kanaan Iskimoota Jallisii 12 […]

Qamadii Bonaa Kilaastaraan Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Abbichuufi Nya’aa Ganda Dirmaatti jallisiin misoomaa jiru daaw’anneerra!

Hojiin Misooma Qamadii Bonaa Kilaastaraan Aanichatti gaggeeffamaa jiru gara fuulduraatti karooraa keenya akka guddisnu fi humna fi carraa qabnu mara cuunfinee fayyadamuu akka qabnu kan irraa hubanneedha. Waggoota Sadii dura Omisha Qamadii Bonaa jallisii akka naannoo keenyaatti hektaara Kuma 7 qofaan jalqabne yeroo amma hektaara miliyoona 1 oliin gahuun danda’ameera. Inisheetivii Omisha Qamadii Bonaatin bu’aan […]

Leenjiin mata duree adda addaa irratti piroojaktii “DRSLP-II”n Magaalaa Adaamatti ogeessoota Aanaalee fi Godinaaleef kennamaa ture xumurame.

Caamsaa17,2014 (BMJHBO) Adaamaa Piroojaktiin dandamannaa Hongee fi itti fufiinsa jiruu fi jireenya horsiisee bulaa(DRSLP-II) Aanoota Godinaalee 3 keessaatti argaman 8 kanneen gandoota 40 keessaatti waggoottan 6 darbaniif bu’uuraalee misooma hawaas dinadgee hawaasa horsiisee bulaa fayyadamoo taasisan raawwachaa tureera. Haalumaan gama ijaarsaatiin giddu galeessa gabaa beeyldaa,daandii,ijaarsa misooma bishaanii fi mankuusaa raawwachaa kan ture yoo ta’uu misooma […]

Mootummaan horsiisee bultootaa fayyadamaa taasisuuf hojii bal’aa hojjetaa jira. [Kallacha Oromiyaa]

Godina Harargee Lixaa Aanaa Gumbii Bordoddee Araddaa Burii Arbaatti haroon hidhamaa jiru irraa beyladoota kuma 30 oliif tajaajila bishaan dhugaatii kennaa jira. Kana mirkaneessuuf hojiin hidha haroo aanicha keessatti mootumman hojjachaa jiru keessaa haroo Araddaa burii arbaatti hojjatamaa jiru gandoota 10 ol kan ta’anii fi beyladoota kuma 30 hangs 40 ga’aniif haroon kun tajaajila kenna […]

Godina Gujii Lixaa Aanaa Dugda Daawwatti piroojaktiin jallisii hojjatamaa jiru yeroo xumurame rakkoo bishaanii hawaasichi qabu kan furuudha

Caamsaa 22,2015 BMJHBO Piroojaktii Jallisii FinnaJigeessaa Aanaa Dugda Daawwatti hojjatamaa jiru yeroo ammaa 36.67%irra kan gahe yoo ta’uu haala ijaarsi isaa irra jiru Itti aanaa Hogganaa Biiroo fi Itti gaafatamaa Damee misoona jallisii fi Bu’uuraalee horsiisee bulaa Inj.Alamuu Raggasaan daawwatameera. piroojaktiin kun yeroo xumurametti rakkoo hanqinaa Bishanii Aanicha keessaa jiru ni furaa jedhamee eeggama.