Hojiin Misooma Qamadii Bonaa Kilaastaraan Aanichatti gaggeeffamaa jiru gara fuulduraatti karooraa keenya akka guddisnu fi humna fi carraa qabnu mara cuunfinee fayyadamuu akka qabnu kan irraa hubanneedha. Waggoota Sadii dura Omisha Qamadii Bonaa jallisii akka naannoo keenyaatti hektaara Kuma 7 qofaan jalqabne yeroo amma hektaara miliyoona 1 oliin gahuun danda’ameera. Inisheetivii Omisha Qamadii Bonaatin bu’aan […]
Caamsaa17,2014 (BMJHBO) Adaamaa Piroojaktiin dandamannaa Hongee fi itti fufiinsa jiruu fi jireenya horsiisee bulaa(DRSLP-II) Aanoota Godinaalee 3 keessaatti argaman 8 kanneen gandoota 40 keessaatti waggoottan 6 darbaniif bu’uuraalee misooma hawaas dinadgee hawaasa horsiisee bulaa fayyadamoo taasisan raawwachaa tureera. Haalumaan gama ijaarsaatiin giddu galeessa gabaa beeyldaa,daandii,ijaarsa misooma bishaanii fi mankuusaa raawwachaa kan ture yoo ta’uu misooma […]
Godina Harargee Lixaa Aanaa Gumbii Bordoddee Araddaa Burii Arbaatti haroon hidhamaa jiru irraa beyladoota kuma 30 oliif tajaajila bishaan dhugaatii kennaa jira. Kana mirkaneessuuf hojiin hidha haroo aanicha keessatti mootumman hojjachaa jiru keessaa haroo Araddaa burii arbaatti hojjatamaa jiru gandoota 10 ol kan ta’anii fi beyladoota kuma 30 hangs 40 ga’aniif haroon kun tajaajila kenna […]
Caamsaa 21, 2015 BMJHBO Piroojaktiin kun yeroo xumuramu lafa heektara 40 misoomsuu kan danda’u yoo ta’uu kana irrayis abbootiin warrraa 90 fayyadamoo ta’u.
Caamsaa 22,2015 BMJHBO Piroojaktii Jallisii FinnaJigeessaa Aanaa Dugda Daawwatti hojjatamaa jiru yeroo ammaa 36.67%irra kan gahe yoo ta’uu haala ijaarsi isaa irra jiru Itti aanaa Hogganaa Biiroo fi Itti gaafatamaa Damee misoona jallisii fi Bu’uuraalee horsiisee bulaa Inj.Alamuu Raggasaan daawwatameera. piroojaktiin kun yeroo xumurametti rakkoo hanqinaa Bishanii Aanicha keessaa jiru ni furaa jedhamee eeggama.
Rooba tibbanaatiin Booranaatti nyaatni horiifi saliixiin bal’inaan omishamuu fi Waggaa utuu hin guutiin hongeerraa gara omishtummaatti cehuunsaa kan abdii namatti horudha jedhan Muummeen Ministeera Dr. Abiy Ahimad fuula Miidiyaa hawaasaa isaaniirratti. Bishaan kuusuudhaan malaan yoo itti fayyadamne yeroo rakkinaa dandamachuu ni dandeenyas jedhaniiru.