Waxabajjii 10, 2015 BMJHBO
Ijaarsi Piroojaktii kanaa sadaasa 6 bara 2014 kan eegale yoo ta’u yeroo ammaa xumuramee guyyaa har’aa bakka Biiroon Misooma Jallisii fi Horsiisee Bulaa Oromiyaa, Koorporeeshiinii Injineeringii Oromiyaa, caasaa Godinaa, Aanaa fi Gandaa argamanitti walharkaa fudhiinsi taasifameera.
Piroojaktichiis baasii qarshii miliyoona 123 oliin kan hojjatame yoo ta’u bishaan meetir kuubii miliyoona 1.5 ol kuusuu kan danda’uudha.




