BMJHBO Waxabajjii 10, 2015
Ijaarsi piroojaktii kanaa bara 2014 qarshii miliyoona 121 oliin kan eegalame yoo yeroo xumuramees lafa heektara 429 misoomsee abbaa warraa kuma 10 fayyadamoo akka taasisuu danda’utti hojjatamaa jira.
Piroojaktichi jallisii kun tajaajila bishaan dhugaatii beeyladootaa fi horsiisa Qurxummiifis ooluu kan danda’uudha.
Sadarkaa piroojaktiin kun irra jiruu daawwatameera. Daawwannaa kanaanis Ogeessi Biiroo Maallaqa Oromiyaa, Abbaataa Taayitaa Konstiraakshinii fi Godinichaa irraa argamiin daawwatameera. Piroojaktiin Aanaa Gadab Hasaasa Ganda Wacaaleetti hojjatamaa jiru kun yeroo ammaa dhibbeentaa 38 irra jiraachuu ragaan waajjira Misooma Jallisii fi Horsiisee Bulaa Godinicha irraa arganne ni muldhisa.

