Caamsaa 24,2015 BMJHBO
Piroojaktootni Godina Booranaa keessaatti hojjatamaa jiran kanneen ijaarsi isaanii xumuramee eebbaaf qaqqaban Finna Liisoo, Burquqqee, Hiddii Romsoo, Bokosaa, Qo’a Dhamotaa, Qarsa Ya’ii, Orbate fi Funnaan Birreessaa yoo ta’an kannee. Ijaarsa keessa jiraan Finna Hayaa Gurrachaa, Fulaa Dukkanooftuu fi Kukkubaa Katebuu jedhaman ariitiin akkaataa xumuruun danda’amu irratti daawwaannaa Itti aanaa Hogganaa Biiroo fi Itti gaafatamaa Damee Misooma Jallisii fi Bu’uuraalee Horsiisee Inj.Alamuu Raggasaan gaggeeffameen kallattiin kaa’eera.



