Hojiin Misooma Qamadii Bonaa Kilaastaraan Aanichatti gaggeeffamaa jiru gara fuulduraatti karooraa keenya akka guddisnu fi humna fi carraa qabnu mara cuunfinee fayyadamuu akka qabnu kan irraa hubanneedha. Waggoota Sadii dura Omisha Qamadii Bonaa jallisii akka naannoo keenyaatti hektaara Kuma 7 qofaan jalqabne yeroo amma hektaara miliyoona 1 oliin gahuun danda’ameera. Inisheetivii Omisha Qamadii Bonaatin bu’aan argame qamadii akka biyyaatti alaa galchinu bakka buusuurra darbee gabaa alaatif erguu jalqabuun keenya milka’ina guddaadha.
Bara dhufu Omisha qamadii bonaa lafa Hektaara Miliyoona 2.5 tti guddisuun baay’inaan biyya alaatti erguuf qophiin taasifamaa jira!

