Waldaaleen piroojektota Finnaarratti gurmaa’uun hojjachaa jiran fayyadamoo ta’uu ibsan

0 minutes, 29 seconds Read
Share To Social Media

Godina Booranaatti waldaaleen pirojektota finnaarratti gurmaa’uun hojjachaa jiran fayyadamoo ta’uu Waajjiri Jallisiifi Misooma Horsiisee Bulaa Godinichaa beeksise.

Miseensonni waldaaleen hojicharratti bobba’an bu’aa dhandhamachaa jiraachuu himuun ammas deeggarsi ogummaa, dhiyeessii sanyiifi ujummoon kan isaan barbaachisu ta’uu dubbatan.

Waldaaleen 14 miseensoota 870 qabu pirojektoota finnaa Fuloo Burraa, Burquqqee, Bosonaa, Qarsa Yeyyiifi Liisoo irratti gurmaa’uun hojiilee omisha kuduraafi muduraa, margaafi qamadii hojjachaa jiraachuu Ittigaafatamaan Waajjira Jallisiifi Misooma Horsiisee Bulaa Godina Booranaa Obbo Taadhii Garbichaa himan.

Obbo Taadhiin dabaluun hawaasi horsiisee bulaa pirojektichaaf kunuunsa barbaachisu taasisaa bishaan xiqqaa jiranis qusannaan ittifayyadamuu akka qabuufi rooba hagayyaaf qophaa’uu qaba jedhan.

Kominikeeshinii Godina Booranaa irraa wabeeffanne

Similar Posts

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *